Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Humnootii Naga Eegumsa Tigraay Bulchiisa Yeroo Keessatti Jijjiiramni Akka Ta’u Gaafatan


Hoogganoonni Humnootii Naga Eegumsa Tigraay Bulchiisa Yeroo Keessatti Jijjiiramni Akka Ta’u Gaafatan
Hoogganoonni Humnootii Naga Eegumsa Tigraay Bulchiisa Yeroo Keessatti Jijjiiramni Akka Ta’u Gaafatan

Jeneraalonni 200 ta’aniif sadarkaa Koloneelaa irra kanneen jiran hoogganoonni humnootii naga eegumsa Tigraay, Amajjii 12 hanga 14 bara 2017 wal ga’ii geggeessne isaan jefhan ilaalchisuun ibsa ejjennoo baasaniin, hoogganoonni yeroo kan naannoo Tigraay ergama isaaniif kennameen ala dantaa uummata Tigraay boodatti dhiisuu dhaan ganiinsa raawwataniiru, meeshaa humnootii alaa ta’aniiru jechuun himatan.

Siyaasi naannoo Tigraay yeroo ammaa kutaaalee fi naannootti addaan qoodamee rakkoo keessa akka jirus tuqaniiru.

Ibsi sun itti dabalees, bulchiinsichi yeroo ergamni isaaf kenname daangaa Tigraay gara isa lola duraaniitti deebisuu, nagaa fi nageenya uummataa eegsisuu, kanneen buqqa’an qe’eetti deebisuu, hojii deebisanii ijaaruu jalqabuu fi filannoo itti aanee jiruuf haala mijeessuu dha jechuu dhaan kana mara hin raawwachuu hin dandeenye jechuun qeeqeera.

Dadhaboo jechuun kan waame hoogganoota bulchiinsa yeroo irratti fooyyeffamni akka ta’u gaafachuu dhaan, kanaanis gumii gareen Doktor Debretsiyoon Gebremikaa’eliin waamame yaada fooyyeffamaa inni dhiyeesse kan deggeran ta’uu beeksisaniiru.

Ibsa sana ilaalchisuu dhaan VOA dhaaf deebii kan kennan pirezidaantiin bulchiisa yeroo naannoo Tigraay Geetaachoo Reddaa, namoonni yaada adda addaa qaban kan hundeessaniif humna ittisuu kan qabu raayyaa waraanaa, fayyadama garee tokkoo gochuuf yaaluun fudhatama hin qabu jechuun deebii kennaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG