Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni NATO Haala Afgaanistan Keessaaf Qeeqaman


Suuraa paarlaamaa Yunaatid Kingdam irraa argamee fi yeroo bakka buutonnii muumicha ministiraatti haasahan agarsiisu, Hagayya 18, 2021 (Roger Harris/ UK Parliament/AFP)
Suuraa paarlaamaa Yunaatid Kingdam irraa argamee fi yeroo bakka buutonnii muumicha ministiraatti haasahan agarsiisu, Hagayya 18, 2021 (Roger Harris/ UK Parliament/AFP)

Haleellaa Talibaan kan hatattamaa karaa dogoggora ta’een tilmaamuuf kan qeeqame angawoota Yunaayitid Isteetis qofaa miti. Prezidaant Joo Baayiden humnootii Ameerikaa biyyattii Eesiyaa Waaltaa keessaa baasuuf erga murteessanii booda, hoogganoonni Awrooppaa fi gorsitoonni isaanii naga eegumsaa, haalli Afgaanistaan keessaa attamiin ariifatanii akka adeemaa jiran ilaalchisee kara dogoggoraan ilaaluu isaaniif akkaan qeeqamaa jiru.

Muummichi ministeeraa Biriteen Booris Joonsenii fi ministeeronni isaanii gameeyyiin , loltoonni Yunaayitid Isteetisii fi ikan NATO gamasii ennaa ba’aa turanitti Taliban tarkaanfii utuu hin fudhatin dura karoora gamasii baasuuf qophaa’uu dhabuu isaaniif seera tumtoota paartii ofii akkasumas momitoota siyaasaatiin qeeqamanii jiru.

Baatii Waxabajjii darbee loltoota ishee 570 ta’an Afgaanistaan keessaa kan Baaste Jarmanii keessaas mootummaan Chansilarittii Angela Merkel, Kaabul harka Talibaanitti kufuu ishee dura, lammiiwwan Afgaanistaan kanneen Jarmanii waliin hojjetaa turaniif karoora gamasii ba’uu xumuruu dhabuu isaaf qeeqi hamaan irra ga’ee jira.

Gamasii ba’uuf karoora jiru xumuruu dhabuun tilamaama sirii hin taane kan haleellaa hatattamaa Talibaan geggeesse akkasumas mootummaan Afgaanistaanii aangoo gad dhiisuu ilaalchisee Washington illee tilmaama dogoggoraa tilmaamee jira. Akkuma gitoota isaanii kan Ameerikaa, dhaaboliin basaasaa Awrooppaa fi dhaaboliin naga eegumsaa yeroo ga’aa qabna jechuun yaadanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG