Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni NATO Har’a Magaalaa GUddoo Litaaniyaatti Prezidaantii Yukireen Wajjiin Walga’an  


Hoggantoota NATO fi Pirezdaantii Yukireen, Volodiyimiir Zeleniskii, Vilnius, Adoolessa 12, 2023.
Hoggantoota NATO fi Pirezdaantii Yukireen, Volodiyimiir Zeleniskii, Vilnius, Adoolessa 12, 2023.

Hooggantoonni NATO Roobii har’aa pirezidantii Yuukireen Volodiyimiir Zeleniskii waliin magaalaa galma mootummaa Litaaniyaatti wal ga’aniiru. Walga’ichi cufaatti kan gaggeeffame yommuu ta’u irra deddeebbiin gaaffii Yuukireen NATO’tti dabalamuuf dhiyyeesiteef deggersa isaanii agarsiisanii jiran.

Hoogganaa ol aanaan NATO Jeens Istooltenberg dhimma kana ilaalchisuun ennaa dubbatan “ har’a karaa wal qixa ta’een wal geenyeerra. Guyyaa Yuukireen NATOtti makamtu gara fuuladuraatti nan beeksisa, “ jedhanii jiran Kibxata kaleessaa hooggantoonni NATO barreeffamaan akka beeksisanitti, afeerraa Yuukireen akka NATOtti dabalamtu ittiin taasisan hanga haalli mijatutti akka achi butan waliigalanii jiran.

Yeroo Raashiyaan Yuukireeniin weerartee jirtu kanatti yoo Yuukireen miseensa NATO taate akka Keeyyata 5ffaa dambii NATO’ tti biyoonni miseensa ta’an kallattiin Mooskoo waraanuu qabu. NATO’n gaaffii miseensummaa Yuukireen dhiyyeessitef yeroosaa itti deebii kennu dheeressuudhaan akka isheen haal dureewwan guuttachuu qabdu kanneen akka karoora miseensummaa, Toora siyaasaa , diinagdee fi galma humna waraanaa ishee guuttattee dhiheeffattu gaafatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG