Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Komiishina Gamtaa Afriikaa Gumii Isaanii 29ffaa Jalqaban


Har’a galma wal ga’ii Finfinnee jiru keessatti kan jalqabame gumiin hoogganoota gamtaa Afriikaa akkuma baratame hojiiwwan baatilee darbanii, milkaa’inaa fi yaaddoon jiru kan irratti mari’atame ture.
Har’a galma wal ga’ii Finfinnee jiru keessatti kan jalqabame gumiin hoogganoota gamtaa Afriikaa akkuma baratame hojiiwwan baatilee darbanii, milkaa’inaa fi yaaddoon jiru kan irratti mari’atame ture.

Haalli nagaa fi nageenya biyyoota tokko tokkoo yaaddessaa ta’uun itti fufeera jechuu dhaan dura taa’aan komishina gamtaa Afriikaa dubbataniiru.

Kunis ta’ee ardittii keessa haalli abdachiisaan jiraachuu dura taa’aan gamtichaa Musaa Faakii sirna baniinsa gumii kanaa irratti beeksisaniiru.

Sirna banamuu gumii kanaa irratti haasaa kan dhageessisan ka biroon, prezidaantii bulchiinsa Faalisxiin Muhaammud Abbaas, Isaael waliin nagaa buusuuf yaadi araaraa prezidaant Traampiin kenname abdachiisaa dha jedhan komiishinichi.

Har’a galma wal ga’ii Finfinnee jiru keessatti kan jalqabame gumiin hoogganoota gamtaa Afriikaa akkuma baratame hojiiwwan baatilee darbanii, milkaa’inaa fi yaaddoon jiru kan irratti mari’atame ture.

Kanneen haasaa dhageessian keessaa dura taa’aan komishina gamtaa Afriikaa Musaa Faakii haasaa isaanii nama afaan hiikuun akka tuqanitti haala yaaddessaa hanga tokko keessaa biyyoota hanga tokko keessatti kan mul’atu walitti bu’iinsaa fi muddamsuu jiru.

Dhimmi nagaa fi nageenyaa akkaan yaaddessaa ta’uu itti fufaniiru. Sudaan kibbaa, Somaaliyaa, Liibiyaa fi haalli Republikii Afriikaa waaltaa keessaa, hariiroo muddamni itti heddummaate kan Jibuutii fi Eertraa gidduu, Maalii biyya shororkeessummaan keessa jiru keessatti walii galtee nageenyaa hojii irra oolchuuf haala rakkisaa uumame, Republikii demikraatawaa Koongoo, Burundii fi Giinii Bisaawoo kan fakkaatan biyyoota Afriikaa keessa kan jiru haalli Polotiikaa haala yaddessaa jiru sirriitti ibsu jedhan.

Haala walitti bu’iinsaa fi muddiinsaa akkasiif gama furmaata kennutiin biyyoonni naannoo jiran qooda gama isaanii ba’uun haala danda’amu irratti fuuleffatamuu akka qabu dura taa’aan komiishinichaa dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG