Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hooggantoonni KooriyaaLamaanii Marii Guyyaa Sadi'ii Xumuran


Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un fi Prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae, walga’ii isaanii guyyaa sadii keessaa ka guyyaa xumuraa tulluu seena-qabeessa biyyoota lameeniin kabajamu daawwachuun dabarsan.

Kan hoogganoonni Kooriyaa lameenii, haadha-warroota isaanii waliin tahuun daawwatanii fi daangaa Chaayinaa irratti tulluu Paaktuu, bakka dhalata hundeessaa mootummaa Kooriyaa isa jalqabaa kan Daanguun akka tahetti beekama.

Kaleessa, hoogganoonni lameen, waliigaltee akka Kooriyaa Kaabaa, guutummaatti enjinii yokaan motora yaalii Niyuukilaraa cuftu taasiisu mallatteessan – jedhamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG