Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horsiisee bulaa fi qonnaan bulaan Oromiyaa ganna 20n dabran maan keessa bahee asiin bahe?


ADWUI-n eegii biyya bulchuu jalqadee amma ganan 20-eessoo keessa jirti.Akka paartii tanaatti hujiin guddoon hojjatame baaddiyaa keessa;karaa baasuu,bisaan baasuu,manneen barmusaa jaaruu dabalee waan hedduutti gama kanaan hojjatame.

Akka itti gaafatamaa Biiroo Qonna Oromiyaa,Obbo Zelaame Jemaaneetti qonnaan bulaa fi horiisee bulaan hiyyuma hamtuu keessaa kahee jireenna wayyaa qabu seene.

“…Eegii mootummaan ADWUI biyya bulchuu jalqabee asitti qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa Oromiyaatiif waan hedduutti jijjiirame; barattootii hedduun barachuun, karaan guddan bahee baaddiyaa fi magaalaa walti dhaabuu, qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan jireenna wayyaa qabutti dabalee waa hedduutti fooyyaheef.”

“Namii keennya harkii guddaan baadiyaa waan jiruuf karoori mootummaas guddaan baaddiyaa Oromiyaa misoomsuu waan taheef hujiin gugurdoon baaddiyaatti hojjatamte.”

Taatullee akka itti gaafatamaa paartii kongireessii Ummata Oromoo Dr.Mararaa Guddinnaa-tti misoomii jedhan kun woma jechaan jedhan malee hiyyeessii ammallee hiyyeessumaa dabballee mootummaatti duroomuutti jira.

“…Warra daballee ka obboleessaa…obbboleettii fi firrii isaa dabbalele mootummaa tahetti jiraate guddate malee…jarii kaan ammallee rakkinnuma keessa jira…ka barate mootummaa jalatti galmaahu malee hujii jin argatu…wantii reediyoo fi TV irratti dubbatamaalleen namaan gowwoomsuuf.”

Akkuma taateefu waan hojjatameef abbaa hojjatameefitti beekaa,akka keessa jirullee ka keessa jirutti beeka.Bulchiinsa ADWUI ka ganna 20-eessoo irratti mootummaan maan jedhaa,paartiin biyya bulchitu ammoo maan jettii jennee mari’achiisaa baanee.

Mee waan itti gaafatamaan Biiroo Qonna Oromiyaa,Obbo Zelaalem Jemaanee fi itti gaafatamaan paartii mormituu,Congress Ummata Oromoo,Dr.Mararaa Guddinnaa jedhan kutaa,1,2,3 jennee keennee ka obbo Zelaalemiin jalqabnee MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG