Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hospiitaalli Aydar Naayaata Dhukkubsattootaaf Kennu Dhabe: Angawoota


Ayder Hospital
Ayder Hospital

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti hospiitaala refeeraalaa guddaa kan ta’e kan Aydar, dhukkubsattoota wal’anaman waan nyaachiisu dhabuu isaanii dhukkubsattoota 240 torban dabree mana isaanti deeebisuu isaa aangawoonni dubbatanii jiru.

Murtii hospiitaalli kun dabarsee kun, mootummaan baatii Bitooteessa dabree gargaarsii nyaataa akka seenu gochuuf loola dhaabiinsii ta’u isaa eega labsee as iyyu nyaatii Tigraay seenee xiqqoo ta’u isaa agarsiisa jedhamee jira.

Angawaan hospiitala Ayder kan maqaan isaanii akka hin ibsamnee gaafatan akka jedhanti, dhukkubsattonnii nayaata ofii bitachuu danda’an 360 hospiitalicha keessa jiru.Dhukkubsattonni haaraan kanneen nyaataa fi maallaqa hin qabne garu mana ofiitti deebiifaman jedhan.

Kanneen manatti deebifaman kana keessa daa’imman dhukkuuba Meniinjaaytas fi dhukkuuba somaabaan qabaman, akkasumas ijoollee dhiiraa umriin 14 kan vaayrasii HIV waliin jiraatu kan jiran ta’u Neersonni dubbatanii jiru.

Dhimma kana irratti deebii akka kennaniif kan gaafataman ministeerri Fayyaa Dr. Liyaa Taddasaa fi hogganaan komiishiina bulchiinsa ittisa balaa Mitikkuu kaasaa biraa deebiin argame hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG