Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti dhaabbatii guddicha kan ta’e hospitaalli rifeeraalaa Haaydar kaleessa galgalaa qabee hojii dhaabuun beeksisee jira. Meeshaalee wal’ansa fayyaa, dawaalee fi boba’aa ga’aa dhabuun hojii dhaabuun isaa kan ibsamee yoo ta’u wal’ansa dhukkuba ariifachiisaa qofa akka kennu beekamee jira.
Tigraay keessatti tajaajiilli eleektrikaa citaa akka turee fi amma immo guutuummaatti waan dhabameef jecha jeneereetara gargaaramuuf immoo boba’an dhabamuu ibsamee jira. Ammaan duras iyyannoo adda addaa hospitaalli kun kan dhiyeeffataa ture ta’uus deebiin kan hin argamne ta’u hospitaalli kun beeksisuu isaa Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.