Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoteela Moqdishoo Keessatti Hokkarri Lubbuu Namaa Galaafataa Jira


Haleellaa al Shabaab Hoteela Hayaat irratti geggeesse, Hagayya 20, 2022
Haleellaa al Shabaab Hoteela Hayaat irratti geggeesse, Hagayya 20, 2022

Hoteela naannoo masaraa preezdaantii Moqaadishoo jiru tokko keessatti hokkara geggeeffamaa jiruun, yoo xiqqaate namoota torba du’un Miidiyaaleen Somaaliyaa gabaasanii jiru

Hokkara Hoteela Viilaa Reeys jedhamu kan naannoo Masaraa Pirezidaantii Moqaadishootti argamutti wiixata har’a guyyaa lammaffaa kan seene yoo ta’u, miidhaan lubbuu namaa irra ga’u dabalaa dhufeera. Humnoonni nageenyaa loltoota garee hidhattoota al-Shabab kan Dilbata kaleessaa galgala hoteelicha keessaa haleellaa raawwate waliin wal waraanaa jiru.

Hoteelli kun waajjira pirezidaantii fi muummicha ministeeraa biyyattii Viilaa Somaaliyaa cinatti argama. Hoteelli Viilaa Reeys kan qondaaltonni mootummaa irra deddeebiin keessatti argaman yoo ta'u, eegumsa guddaa kan qabu fi namoota seenuu barbaadaniif waraqaa ittiin darbantu barbaachisa.

Haleellaan Hoteela Viilaa Reeys kun kan raawwatame, yeroo mootummaan federaalaa erga ji’a Adooleessaa garee shororkeessummaa kana irratti duula jalqabee kaasee waraanni Somaaliyaa hidhattoota al-Shabab dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuu isaa beeksiseetti.

Dhuma baatii Waxabajjii keessa Moqaadishootti boombii lama dhooheen yoo xiqqaate namoonni 100 ajjeefamaniiru. Al-Shabab haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

Mootummaan Somaaliyaa Hidhattoota Al-Shabaab Ajjeesuu Ibsee Jira

Mootummaan Somaaliyaa sambata darbe akka ibsetti, duula kutaa Shabelle isa gad anuu fi Giddu galeessa biyyattii keessatti, tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaatiin deeggaramee, fi jiraattonni naannoo irrattinhirmaataniin, hidhattoota al-Shabab 100 caalaa ajjeefamuu ibsee jira.

Itti aanaan ministeera odeeffannoo Somaaliyaa, Abdirahmaan Yuusuf Omar Adalaa, sambata Moqaadishoo keessatti miidiyaaleef ibsa kennaniin, duullii kun hidhattoota al-Shabab 200 ol ta’an irratti kan qiyyaafate yoo ta’u, isaanis kanneen waraana Somaaliyaa irratti haleellaa raawwachuuf walitti qabamaa turan jedhan.

Duula kana kan gaggeeffame waraana biyyaalessaa biyyattiin, lammiilee biyya keessaa fi michoota addunyaatiin, daangaa naannoo Shabelle gadii fi giddu galeessa haandaara magaalaa ganda El-Dheree jedhamutti kan gaggeeffame yoo ta’u, looltonni al-Shabab kanneen Qabsaa’ota Islaamummaa ta’an hogganoota isaanii 10 dabalatee 100 ol ajjeefamaniiru jedhan.

Mootummaan akka jedhetti yeroo duula kana waraanni fi namoonni naannoo sanaa ganda El-Dhere bilisoomsuu fi meeshaa waraanaa garee kana irraa to’achuu ibseera.

Adalaan akka jedhutti waraanni fi namoonni naannoo amma haftee Khawarij ari'aa kan jiran yoo ta’u, yakkamtoonni barbaadamaa turan kanneen hoggantoota garee ta'anii fi ummata Shabelle Giddu galeessaa fi Hiraan miidhuuf karoorfatan keessatti argamu.

Kana malees, hirmaannaa michoota addunyaa, kanneen Somaaliyaa keessatti duula waraana gaggeeffamu samii irraa gargaaraa jiran galateeffataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG