Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hujiin Bisaan Hidhaa Gannaalee Ganna 10n Duratti Jalqaban Hardahllee Hin Dhumanne Namuma 'Dhala Gaangee’ Eegate jedha warrii lafaa


Nageellee Booranaatii fi Ollootii Isii Dheebuu Hamtuu Keessa Jiran Hujiin Bisaan Ganalee Hin Dhumne
Nageellee Booranaatii fi Ollootii Isii Dheebuu Hamtuu Keessa Jiran Hujiin Bisaan Ganalee Hin Dhumne

Gujii Bahaatti Porojeektii Hidha Gannaalee Ammallee Hin Dhumanne Nageellee Booranaa fi Ollootii Isii Dheebuu Hamtuu Keessa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:44 0:00

Bisaan Hidhaa Laga Gannaallee ganna 10n duratti jalqaban. Akka warri lafaa jedhutti pirezidaantii Oromiyaa ka durii,abbaa Duulaa Gammadaatti jalqabsiise.

“Rakkinna bisaanii itti haasahanii jennaan waggaa tokkof bisaan boollaa qonnee isanii baafnee waggaa lama keessatti ammoo bisaan kana Gannaallee irraa jallisiin fuunee isan oobaafanaa jedhe.”

Akka namii rakkoo tana Nageellee Booranaatii VOAtti hime, Godaanaan jedheti hujii tana “eegii jalqabanii ammaa ganna 12 keessa jiran wannii jijjiiramee hujii jalqabe hin jirtu.”

Akka innii jedhutti namii tana hifatee ya ufi irraa lakkiseeyyuu. Namii ammallee rakkuma bisaanii hamtuu keessa jira.

Bisaan Gannaalee kun dheebuu nama baasuu qofaa mitii silaa adoo akka jedhanitti ganna hedduun duratti bahanii waan qotanii midhaaniinuu facaafachuu dandahan.

Nama kuma hedduutti bisaan kana eegata ammallee hin dhumanne
Nama kuma hedduutti bisaan kana eegata ammallee hin dhumanne

Bisaan kun silaa aanaa baaddiyaatii fi dira Nageellee Booranaatii fi dheeda hedduu dheebuu baasan.

Laftii akka Baaddiyaa Dhungoo,Simintoo,Dibbee Re’ee,Hayii Gurraacha, Qaxxee Waaree fi fulaa hedduutti dheebuuf akka hamaa jira.

Bisaan kana namii dandahu km 10-15 yaa’ee barbaadata. Boottiin bisaanii ammoo akka jecha warra lafaatti guyyaa 3-4 turee dhufan “Namii dhabsuu fi limaallima oolee bula.”

Hujii akkana tana ganna 10 asi ittuma jiran
Hujii akkana tana ganna 10 asi ittuma jiran

Ka dandahau Laga-Guulaa dhaqee bisaan barbaada yaa’a namii bisaan kana eegate “namuma dhala gaangee eegata.”

Aabba Abduuba Soraa Gujii Bahaa aanaa Libanitti itti gaaftamaa ijaarsa baaddiyaati.

“Dheebiahca jajjbaatti jira. Tulaa silaa bara dheebuu ka akkanaa keessaa dhugan akka jecha isaatti lola daarii Somaaleetii fi Oromiyaatiif jedhanii irraa deebihan. “Harolleen bisaan hin qabduu.”

Tana malee “Madda Golbaa Diidaa,Diida Liiban.Golba Liiban haroon hin jirtu.”

Rakkoo tana bulchiinsa naannootii fi warrii lafaalleen pirezidaantota Oromiyaatii fi mootummaa Federaalaalleetti himanii ufi jibbaanne jedha.

Hujiin tun akka jecha itti gaafatamaa damee siyaasaa baaddiyaa, aabba Abbiduubaa Soraatti silaa deemumatti jirtii fulaa irratti ariitiin fixuu malan dansaa irrai jirti.

Adoo silaa dhumaan nama kuma hedduutti malkaan dabra
Adoo silaa dhumaan nama kuma hedduutti malkaan dabra

Taatullee namii bisaan barbaada yaa’a. Jarkeeniin tokko birrii 6-10 bitan. Abdiin namii eegatu akka aabba Abduubii jedhutti “yeroo gabaabduu keessatti dhumatti” jechaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG