Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humaan Raayits Waach Ajjeechaa Naannoo Amaaraa Keessatti Humni Mootummaa Raawwate Jedhe Akka Qoratamu Gaafate


Jedhe AkkKomishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa Ji’a Guraandhaalaa keessa gabaasa baaseen gaafa Amajjii 29 bara 2024 naannoo Amhaaraa bakka Marawii jedhamutti humnoota milishaa Faannoo fi waraana mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti waraanni erga gaggeeffameen booda tarkaanfii humni waraanaa mootummaa fudhateen yoo xiqqaate namoonni 45 ajjeefamaniiru jedheera.

Akka ragaan garee miraaf falmuu tokko kan teessoo isaa Niwuuyoork godhate sassaabe mul’isuuutti erga hunoonni milishaa Faannoo Meraawwii gadhiisanii bahaniin booda , loltoonni mootummaa Itiyoophiyaa namoota nagaa daandii irratti rukkutuu akkasumas manaa manatti deemuun sakata’insa sa’aatiiwwan ja’aaf ture gaggeessaa turan kan jedhe Ibsi Hiyuumaan Raayitis wooch, qabeenyaa namoota siivilii saamaa fi barbadeessaa turanis jedha. Kunis taatee erga ji’a Hagayyaa bara 2023 naannoo Amaaraatti lolli humnoota Mootummaa fi humnoota milishaa Faannoo gidduutti uumamee as lubbuu namoota nagaa galaafachaa jiru keessaa tokkodhas jedheera.

Dhaabbanni Hiyuumaan Raayitis Wooch dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishinarri komishinii mirgoota namoomaa sarbama mirgaa fi miidhaa naannoo Amaaraatti raawwatamu irratti qorannoo walabaa akka jalqabu waamicha dhiyyeesseera.

Dhaabbata Hiyuuman Raayitis Woochitti itti aantuu Daayireektara Damee Afirikaa kan taate Latishiyaa Bader Mootummaan Itiyoophiyaa miidhaa humnoota federaalaa fi naannootiin raawwatamaniif itti gaafatamummaa hiika qabu mirkaneessuu dhabuun isaa jeequmsaa fi adabbii malee jiraachuu itti fufee jiruuf gumaacha qaba jettee itti yaadamee ajjeechaan namoota nagaa Ityoophiyaa naannoowwan jeequmsi jiranitti jiruu guyyaa guyyaa ta’eeras jechuun himteetti jedha gabaasni Ajaansi Firaansi Pirees.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG