Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Mirga Namaa 'Human Rights Watch' Dhalattoota Tigraay Ilaalchisee Ibsa Baase


Hoteela Harmonii fi Hoteela Kaaleb jedhaman dhiheenya cufaman, Finfinnee, Adoolessa 15, 2021
Hoteela Harmonii fi Hoteela Kaaleb jedhaman dhiheenya cufaman, Finfinnee, Adoolessa 15, 2021

Angawoonni Itiyoopiyaa erga xumura baatii Waxabajjii bara 2021 qabee lammiiwwan Tigraayii Finfinnee keessa jiraatan walitti qabuun hidhaatti guuraniiru, humnaan qabanii achi buuteen dhabameera, yakka ka biros raawwataniiru.

Angawoonni kun lammiiwwan Tigraay humnaan qabuun achi buuteen dhabame ilaalchisee battala gaafatamuu qabu, kanneen ragaan qabatamaan yakka hojjechuu isaanii mul’isu utuu hin jiraatin hidhaman akka gad dhiisaman fi loogii geggeessan dhaabuu qabu jedha ibsi Human Rights Watch baase.

Human Rights watch-tti daayirikterri dhimmootii gaanfa Afriikaa Laetitia Bader gama isaaniin, torbanneen darban keessa humnoonni naga eegumsa Itiyoopiyaa Finfinnee keessaa dhalattoota Tigraay walitti qabuun to’annaa oolchuu dhaan humnaan qabanii dhabamuu isaanii ibsaniiru. Mootummaan, dhalattoota Tigraay irratti shakkii hin taane uumame hatattamaan dhaabsisuu qaba, kanneen hidhaa keessa jiranis odeeffannoon eessa akka jiranii akka ifa ta’uuf kanneen miidhaan irra ga’eef frmaata kennuu qaba jedhan.

Walakkeessa baatii Adoolessaa irra komiishininerri poolisii Finfinnee Geetuu Argaawi sabaa himaaf akka ibsanitti dhalattoonni Tigraay 300 ol ta’an to’annaa jala oolaniiruu jechuu dhaan kan mootummaan shororkeessummaan remade TPLFn deggeruu isaaniitiif qorannaa jala jiru jedhan.

Abbaan alangaa lammiiwwan nagaa irratti hin fuulleffatamu jedhanis, Human Rights Watich hidhaa kana ilaalchisee qorannaa geggeesseen hedduun isaanii kan irratti fuuleffatame sababaa gosa isaaniin jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG