Humni addaa Sudaan inni “RSF “ jedhamu jalqaba torbaan kanaa irratti bakkoota to’annaa isaa jala jiran keessatti abbaa taayitaa bulchiinsaan hundeessa jechuu isaa irraa yaaddoo qabaachuu miseensonni mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii himan.
Gareen humna addaa Sudaan ‘RSF’ , garee hidhattootaa biroo fi kan siyaasaa waliin ta’uun torbaan darbe Keeniyaatti walii galtee ykn Chaarteera fuula 16 qabu waliif mallatteessaniin kutaa biyyattii bakkoota gareen humna addaa kun to’atee jiru keessatti abbaa taayitaa bulchinsaaa hundeessuu kan jedhaudha. Gareen hidhattootaa kunneen Lixa Sudaan irra guddeessaan naannoo Daarfuur dabalatee to’annaa isaanii jala galchaniiru. Mana maree gola nagaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti miseensota biiyyota Afirkaa sadii Aljeeriyaa, Somaaliyaa fi Seeraliyoon bakka bu’uun ibsa kan kenne itti aanaan Ambaasaddara Aljeeriyaa Toofik Kudrii “ kun tarkaanfii balaa qabu tattaaffii Sudaan keessatti nagaa fi waliin dubbii itti fufee jiru kan daandii isaa irraa maqsu” jedhee gareen humna addaa Sudaan RSF fi michoonni isaanii hunda caalaa ilaalcha tokkummaa fi dantaa biyyaaleessaa Sudaaniif dursa kennuun tarkaanfii amma itti jiran duubaatti akka deebisan waamicha dhiyyeessaf jedheera.
Hoogganaa olaanaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guutereezh Wiixata darbe ibsa kenneen sochiin gareen humna addaa Sudaan RSF itti jiru wal waraansa Sudaan keessaa waggoota lama lakkoofsiisaa jiru dheeressuu mala jechuun akeekkachiiseera.
Qindeessaan siyaasaa Yuunaayitid Isteetisi Joon Keelii Sudaan tokkummaan ishee eegame keessatti bulchiinsi Siivilii akka uumamu ni deeggarra jedhee yaaliin amma gareen humna addaa fi michoonni isaanii bulchiinsa hundeessuuf itti jiran Sudaan keessatti nagaa buusuuf hin gargaaru jedheera.
Ambaasaddarri Biriitish Barbaraa Wuudward waraana Sudaan keessatti xumura taasiisuuf chaarteera dhaabbata mootummoota gamtoomanii Sudaan tokkummaa, abbaa biyyummaa fi daangaan ishee eegame kabajuun irra jiraatama jetteetti.
Mana marichaaf ergamaan Sudaan Al-Hariit Idriis Al- Mohaammed gareen humna Addaa Sudaan RSF fi michoonni isaa Chaartara akkanaa akka mallatteessaniif biyya ishee keessatti eeyyamuu isheef Keeniyaa komateera. Mana marichaatti Ambaasaddarri Keeniyaa Erastas Lokalee deebii kenneen Keeniyaan carraan marii fi walii galtee garee hawwaasa Sudaan walitti fidu akka jiraatu cimsitee kan mantu,waldhabdeen Sudaan keessatti uumame saffisaan akka xumuramutti waliigaltee Sudaan babal’isuuf qoqqoodinsa siyaasaa keessa darbee haala mijeessuuf waadaa galte keessattis ga’ee ishee ba’achaa turte jedheera.
Wal waraansa Sudaan keessatti hanga mmaatti deemaa jiruun namoonni miiliyoona 12 ol qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru akka gabaasa dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti.
Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira
- VOA

Forum