Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Poolsii Naayijeriyaa Haleellaalee Dhiheenya Kana Bakka Addaatti Namoota Fixan Qorachaa Jiran   


FAAYILII - Ganda Kukawaa keessatti manneen gubata humnoota mootummaatiin yeroo sakata'aman, Ebla 12, 2022

Kan Naayijeriyaa Kaaba Lixaatti argamtu – kutaa Kaatsinaa bakka hidhattoonni Kibxata dabre namoota 12 itti ajjeessanii fi lafa qonnaa itti barbadeessanitti humna dabalataa bobbaasuu isaa poolisiin beeksisee jira. Kana malees Poolisiin Naayijeeriyaa dhimma qonnaan-bultoota 50 kutaa Bornoo keessatti ajjeesamanii qorataa jira.

Kibxata dabre ganama hidhattoonni seeraa-alaa gurmaawanii Motor-baayisikiliin deeman Kibxa magaalaa Gukaardii weeraruun yoo xiqqaate jiraattota 12 kan ajjeesan yoo tahu, sana dura gaafa Dilbataa immoo qonnaan bultoota shantama tu magaan Ruun ka kutaa Boornoo keessatti ajjeesame. Ajjeechaa Boornoo sanaaf, garee Bookoo Haraam tu balaaleffatame.

XS
SM
MD
LG