Ajajaa humna waraanaa Heezboollaa halleellaa Kaaba Israa’eelitti raawwatame keessaa harka qabu Ahimad Muusxafaa Al Hajii Alii jedhamu halleellaa qilleensarraan Kamisa har’aa fudhadheen Ajeesseera jette Israa’eel. Kana malees haleellaawwaan 40 ta’an kanneen daangaa Libaanoon irraa gara Israa’eelitti taasifaman Kamisa har’aa fashaleessuullee humni waraanaa Israa’eel ibseera.
Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayideen bilbilaan Roobii kaleessaa Ministira Muummee Israa’eel Beenjaamiin Neetaanyaahuu waliin marii taasiisuu fi irra deebbiin deeggarsa Israa’eeliif taasisan akka hin dhaabne mirkaneessaniiru. Akka Waayit Haawus beeksiisetti mariin hooggantoonni biyyoota lamanii kun erga Hagayya 21 darbee booda kan jalqabaa ta’uu himee marii kanarratti itti aantuun pireezidaantii Kaamalaa Haariisis hirmaateetti jedhee mariachi daqiiaa Soddomaaf akka tures ibseera. Gaafa Onkolooleesa 1 darbe Iraan halleellaa Misaa’eeloota Baalaastikii 200 ta’anii Israa’eel irratti raawwattee fi waraana naannoo sanatti babbal’istuuf deebii kennuuf mariin ammayyuu akkauma itti fufetti jiraachuu dubbii himtuun Waayit Haawus Karin Shooppeeyir oduu gabaastootaaf ibsiteetti. Joo Baayideen kaan dura Israa’eel haleellaa deebii Iraaniif kennituun bakkoota humna Niwuukilarii irratti fudhatamu hin deeggaru jedhaniiru. Marii hooggantoonni biyyoota lamaanii Roobii kaleessaa erga taasisaniin booda ministirri humna waraanaa Israa’eel Yoo’aav Galaant fuula miidiyaa Hawwaasaa “X” irratti barreeffama maxxansaniin kanneen biyya isaaniirra balaa buusuuf yaalan gatii isaanii ni argatu jedhaniiru.
Israa’eel namoonni siivilii Kaaba Gaazaa keessaa akka ba’aniif akka haaraatti ajaja dabarsuu ishee hordofee dhaabbanni tokkummaa mootummaataa lammilee Paaliistiin bakka wayyaa jedhamu kan itti baqatan hin qabneef yaaddoo guddaa keessan jira jedheera.
Forum