Kibxata kaleessaa lolli kallattiin humnootii nageenyaa fi hidhattoota Islaamummaa gidduutti dugdee ganda Ballididin ganda fagoo bakka ol ka’aa Kal-Miskaad jedhamu kan naannoo Barii keessatti geggeessamuu isaa angawoonni Somaaliyaa kanneen Puuntlaand keessaa beeksisaniiru.
Angawoonni Puuntland suuraa humnoonni nageenyaa hidhattoota irratti bobba’an maxxansuudhaan suuraa yoo xiqqaate kan hidhattoota du’an lama jedhaman agarsiisaniiru. Suuraaleen kun bakkeewwan hidhatoonni kun dhokatanii fi qubsumni isaanii loltootaan barbadaa'an agarsiisee jira.
Puuntland dhuma baatii darbee loltoota kumaatamaan lakkaa’aman erga kakaastee booda haleellaa kana jalqabde.
Angawoonni Somaaliyaa itti dabaluu dhaan hidhattoonni kun dirooniin loltoota haleeleuuf yaalii taasisame illee fashaleessaniiru jedhan. Angawoonni akka jedhanitti duulli kun amma illee marsaa jalqabaa irra akka jiru cimsanii dubbachuu dhaan, maadhheen ISIS kan Dhadaar keessaa aamma illee hin dhaqqabamne jedhan. Mootummaan Somaaliyaa haleellaa hidhattoota kana irratti raawwate galateeffateera.
ISIS hidhattoota Itoophiyaa, Sudaan, fi loltoota Giddu Galeessaa Bahaa dabalatee loltoota addunyaa irraa walitti dhufan kanneen dhibba hedduu qaba jechuu dhaan angawoonni Somaaliyaa hangi tokko dubbataniiru
ISIS Somaaliyaa keessatti kan of ijaare hogganaa garee kanaa Sheek Abdulkadir Mumin kan Onkoloolessa bara 2015 al-Shabab irraa bahee ISIS waliin hidhata tolfateen ture.
Ji'a Caamsaa bara darbe Yunaayitid Isteetis Mumin haleellaadhaan irratti qiyyaafachuu ishee ka beeksiste yoo ta’u, garuu angawoonni biyya keessaa haleellaa kanarraa ooleera jedhanii amanu.
Forum