Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Humnoonni Raashiyaa Seerawwan Namoomaa fi ka Mirga DhalaNamaa Idil-Addunyaa Cabsaa jiran: Misheel Baachileet  


Hooggantuu Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa Misheel Baachileet Waxabajii 13, 2022.
Hooggantuu Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa Misheel Baachileet Waxabajii 13, 2022.

Aangawootuun mirga namoomaa ol’aantuun ka Tokkummaa Mootummotaa, odeeffannoon waa’ee magaalaa Yukireen dhagahamaa jiru, humnoonni Raashiyaa gochaalee hamoo, kanneen seerawwan namoomaa fi seerawan mirga dhala-namaa sadarkaa addunyaa cabsan ka raaw’ataa jiran tahuu agarsiisa jedhanii jiran.

Hooggantuun Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa Misheel Baachileet Kamisa kaleessaa dhiittaa mirga namoomaa hamaa magaalaa Maari’upool keessa jiru, haasaadhaan, Jenevaatti Gumii Mirga Namoomaa Jaarmayicha Addunyaaf dhiheessan.

Haala nageenyaa rakkisaa naannoo Mari’upool rakkisaa tahe irraa kan ka’e ka magaalattiitti imaluu hin danda’iin – to’attoonni mirga dhala-namaa Tokkummaa Mootummoootaa, namoota magaalattii irraa dheessanii bahanii fi suuraalee saatelaayitiidhaan kaafame irraa odeeffannoolee walitti-qabatan jedhamee jira.

Gochaalee dhiittaa mirga dhala-namaa baatiilee Guraandhalaa fi Eblaa gidduutti magaalaa Mari’uupool keessatti raaw’atan tartiibaan ka Gumii Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaaf ibsan, Baachileet, “Magaalattiin Yukireen keessaa bakka hunda caalaa lubbuun namaa keessatti dhamaa jiru” jedhan.

Haleellaaaleen humnoota Raashiyaatiin karaa qilleensaa, rookeetiidhaan, taankiidhaa fi meeshaalee guguddaa biroodhaan geggeessamu magaalattii dur uummata tattaafataa walakkaa miliyoonaa ol qabdu barbadeessee daaraatti deebise – jechuun ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG