Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni TPLF Keellaalee Eegumsa Fayyaa Dasee Keessaa Mancaasan Jedhame


Faayilii - Hospitaala Riferaalii Dasee, onkoloolessa 9, 2021
Faayilii - Hospitaala Riferaalii Dasee, onkoloolessa 9, 2021

Humnoonni TPLF ennaa magaalaa Dasee to’atanii turanitti badii guddaa kan irraan ga’an ta’uun isaa kan himame hospitaalli Ispeshaalaayized Dasee, tajaajila fayyaa salphaa ta’ kennuu eegalee jira. Hospitaalli erga hundaa’ee waggaa 80 ta’uun isaa himamu kun manca’uu guddaa irra ga’een meeshaa wal’aansa fayyaa homaa kan hin qabaanne ta’uu kan ibsan hoji geggeessaan hospitaalchiaa Dr. Hayimaanooti Ayyelee, muuxannoo ogeessota fayyaa fi hospitaala Qiddus Paawloos waliin ta’uu dhaan wal’aansa fayyaa salphaa ta’e kennuu ka jalqabe ta’uu ibsaniiru.

Humnoonni TPLF siivilotaa fi waaltalee siivilii irratti fuuleffate himannaa jedhu haalaa turus, humnoonni kun naannoo Amaaraa ennaa turanitti, hospitaalota 40 fi waaltaalee eegumsa fayyaa 453 dabalatee waaltaalee eegumsa fayyaa hedduu mancaasuu fi saamuu isaanii itti aanaa itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa naannoo Amaaraa Abdulkariif Mangistu ibsaniiru.

Amaaraa, Affaarii fi naannoolee kanneen hollaa Tigraay keessa jiran irraa namoonni dhufan miliyoona 10 ta’an hospitaalli itti gargaaramaa turan amma tajaajila kennaa hin jiru.

Hospitaala manca’e kana kan argan itti gaafatamaan hospitaalchiaa Dr. Hayimanot Ayyelee akka jedhanitti tajaajila da’umsaaf baatii tokko qofaatti harmoolii 800 oliif tajaajilli kennamaa kan ture yoo ta’u, hojii dhaabuu isaa dura illee dubartoonni beellammni qabameefii jiru jiraachuu isaanii yaadachiisanii, hospitaalli maqaa gaarii qabu ture amma gamoo isaa qofa malee kan koo ti kan jedhu homaa hin qabu jedhan. waaltaalee hospitaalichaa miidhaa guddaan irra ka’e keessaa tokko, waggaa lama dura baasii qarshii walakkaa biiyoonaan kan hojjetame wiirtuu oomisha oksijiinii yoo ta’u, lamaan isaa keessaa tokko humnootii TPLFn of eeggannoon hiikamee akka fudhatameef tokko immoo mancaafamuu isaa itti gaafatamaan kun dubbataniiru.

Naannoo Amaaraa keessaa miidhaan waaltaalee eegumsa fayyaa irra ga’e bal’inaan qoratamaa kan jiru ta’uu itti aanaa itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa naannoo sanaa obbo Abdulkariim ibsaniiru jechuun kan Daseetti imalee ture odu gabaasaan VOA Kenedii Abaatee

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG