Gamtaan Afrikaa waraanni Sudaan keessatti hammaatee itti fufee jiruu fi yakkoota farra dhala namaa raawwataman kan adda hin cinne ilaalchisee yaaddoo guddaa qabu ibsee jira.
Gamtaan Afrikaa walgahii addaa kana mana maree nagaa fi Nageenyaa isaa Jimaata darbe gaggeesseen dhimma walitti bu’iinsa kanaa irratti mari’ateera.
Gamtaa Afriikaa magaalaa guddoo Sudaan Naannoo Kaaba Daarfuur El Faasher keessatti itti fufee jiruu fi lolli walitti hin cinne, jireenya namaa irratti dhiibbaa hamaa guddaa geessisu isaa kan ittiin jedhee Dhaabbanni oduu Faransaay, AFP, ibsa har'a maxxanseen beeksiseera.
Akkasumas qaamoleen waraanaa jiran Humni Waraanaa Sudaan fi Humni Deeggarsa Saffisaa finciltootaa yeroo ayyaana Muslimoota baatii Ramadaanaa ji’a dhufuu irraa eegalee walii galtee dhimma namoomaa akka kabajan gaafatee jira.
Angawoonni fi gareewwan mirgaa namaa kan Sudaan akka jedhanitti, haleellaan humna deggersa saffsaa RSF jedamee waamamuu bulchiinsa White Nile keessatti daa’imman dabalatee lammiilee nagaa dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuu isaa himaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan lakkoofsi namoota du’anii 433 ga’uu kan ibse yoo ta’u, gareen mirga namaaf falmu kan miidhaa namoota nagaa irratti raawwatamu hordofu ‘Emergency Lawyers’ guyyoota sadan darban keessa namoonni 200 ol du’uu isaanii tilmaameera.
Ministeerri kun akka jedhetti gareen waraanaa RSF jedhamee waamamuu kun guyyoota muraasa darban keessa gandoota naannoo al-Gitaynaa keessatti argaman keessatti namoota nagaa irratti kan qiyyaafate erga waraana Sudaaniin mo’amuun isa mudatee booda.
Tokkummaan Mootummootaa waraanni Sudaan keessatti geggeeffame namoota kuma 24 ol galaafachuu isaafi miliyoonaan kanneen lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisuu dubbata. Akkasumas bara 2024tti ajjeechaa namoota nagaa 4,200 ol galmeessuu isaa Kibxata kaleessaa ibseera.
Forum