Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootii Sudaan Kibbaa Gidduutti Walitti Bu'iinsi Ka'e Jira


Faayilii - Poolisoonni yeroo dargageessa tokko to'annaa jala oolchan, Juubaa, Sudaan Kibbaa, Ebla 9, 2020
Faayilii - Poolisoonni yeroo dargageessa tokko to'annaa jala oolchan, Juubaa, Sudaan Kibbaa, Ebla 9, 2020

Ajajoonni waraanaa fi siyaasaa kanneen kutaa Iquatoriyaa gama Lixaa kan sudaan kibbaa keessaa walitti bu’iinsa uumamee akka dhaabsiisaniif qaamnii Tokkummaa Mootummootaa gamas jiru Kibxata kaleessaa gaafatee jira.

Humnootii Sudaan Kibbaa Gidduutti Walitti Bu'iinsi Ka'e Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:25 0:00

Kunis yoo xiqqaate namoonni shan gaafa Wiixataa eega ajjeefamanii booda. Humnootii ittisaa kan sudaan Kibbaa fi humnootii waltaatoota mormiitootaa irraa kan walitti dhufee gareen tokko walitti bu’iinsa kana furuuf Taamburaa keessatti bobba’uu, humnootii ittisaa kan uummata sudaaniif dubbii himaa kan ta’an Meejer Jeneraal Lul Ko'aang ibsanii jiru.

Gabaasaalee ba’an akka jedhanti, waraana sochii bilisummaa uummata Sudaan fi humnootii Jeneraal Jeems Naandoof amanamoo ta’an giddutti wal waraansii kun jalqabamee.

Wal waraansa magaala Taamburaa jeeqee jiraattonni akka dheessan godhe kana keessaa eenyuutu harka qaba isa jedhu irratti, himata adda addaatu jira.

Hojjattonni gargaarsaa hojii akkaan barbaachisaa gaggeessaa jiran, wal waraansa Kanaan danqamanii jiru.Akkaisaan uummata gargaarsa eeggatu bira dhaqqabaniif mootummaan hojjachuun irraa eegama jedhamee jira.

Bordiin wal taatoota ittisaa kan sudaan kibbaa humnootii naannoo sana jiran gargar fudhuun muddamsa jiru kan dhaabu ta’u dhaadatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG