Prezdaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo wiixata har’a loltoonni Afrikaa baha Ripaabliika Deemokraatawaa Kongoo gama bahaa seenuun, nagaa kabachiisu qabu jedhan.sababiin isaas garee hidhatee M23 jedhamu haleellaa gaggeessaa waan jiruuf jedhan.
Loltoonni Keeniyaa qaama humna Hawaasa Baha Afrikaa ta'uun dhiheenya kana naannoo jijjiirama hin qabne sana seenuu isaanii ibsan.prezidaant Ruutoon Magaalaa guddoo Rippabiliika Deemookraatawaa Koongoo Kinshasa irraa akka oduu gabaastotaaf akka ibsanti, Humni naannoo warra tasgabbii dhabiinsa uumuuf sochoo’an ciccimoo ta'an irratti nagaa ni kabachiisa, jedhan .
Milishaan Tutsi M23 baayyinaan lammii Koongoo ta'e bulchiinsa Ripaablikii Dimokraatawaa Kongoo gama kaabaa keessatti naannoo bal'aa qabachuun gara magaalaa guddittii naannoo sanaa Gomaatti qarqara ga'eera.
Lolli kun naannoo sanatti muddama deebisee kan kaase yoo ta'u, kongoon biyya ollaa ishee baayyee xiqqaa taate Ruwaandaa M23 deeggartee jirti jechuun himatteetti.
Forum