Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Tigraay Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Keessatti Ajjeechaa Rawwatan: HRW


Hagayya 31 hanga Fulbaana 9 bara 2021 bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa kan turan Humnootiin Tigraay siviiloota kurna hedduu walitti qabuun ajjeesuu isaanii gareen mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raaytis Waach beeksisee jira.

Ajjechaan kunis kaawunsiliin mirga dhala namaa kan Tokkummaa mootummootaa qaama qorannaa gaggeessuu kan sadarkaa addunyaa hundeessuun, walitti bu’iinsa Tigraay keessaa ka’e baballate sana keessatti dararaaa gareelee walwaraansa keessatti hirmaatan hundumaan gaggeeffame qorachuun, dhimmi hatattamaa ta’u agarsiisa jedha.

Hagayya 31 humnootiin Tigraay ganda Cinaa jedhamtu seenuun, dhuksaasa dabree dabree dhukaasaa akka turan fi booda immoo humnootii Fedeeraalaa fi wal taatoota isaanii Milishaa Amaaraa waliin wal waraansa hamaa gaggeessuu isaanii Jiraattonni Cinaa Humaan Raaytis Waachiif ibsanti. Guyyoota sanatti aanananii jiran shan keessatti, humnootiin Tigraay siviloota 26 yeroo adda addaa 15tti ajjeesuu ibsanii kunis Fulbaana 4 gadhiisanii ba’u isaanii dura ta’u dubbatan.

Magaala Qobboo keessatti Fulbaana 9 humnootiin Tigraay yeroo adda addaa 4tti siviiloota 23 ajjeesuu isaanii kanneen ijaan agarre jedhan ibsanii jiran.Ajjeechaan kunis gaafas humnootiin Tigraay seenan qonnaan bulaan naannoo haleellaa irratti gaggeesse haaloo ba’uuf ta’u dubbatu.

Humnootiin Tigraay lubbuu namaa fi seera waraanaa kan addunyaaf dhimmi kan hin qabnee waan ta’aniif jecha kanneen hidhaa keessa turan ajjeesan jedhu Lama Faakiih Hiyumaan Raaytis Waacha irraa.

Ajjeechaan kunii fi fixiinsii kanneen biroon kan warra walittibu’iinsa sana keessaa harka qaban maraan gaggeeffame kun gareen walaba ta’e kan addunyaan, yakka waraanaa Tigraay fi bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti dhaqqabe jedhamuun dubbatamu akka qoratuu barbaachiisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG