Akeekkachiisni Roobii har’aa akka agarsiisutti naannoo Los Anjeles keessatti ammas qilleensi cimaan haala qilleensaa goggogaa waliin walitti makamee ibidda bosona babal’isuu mala. Namoonni abidda dhaamsan ibidda naannichatti walduraa duubaan ka’ee fi kanaan dura yoo xiqqaate namoota 25 galaafate waliin wal’aansoo qabaa jiran.
Kibxata qilleensi laaffataa ta’us, Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa naannichi ammallee hanga Roobii waaree boodaatti qilleensa cimaaf akka saaxilamu akeekkachiiseera. Dhaabbileen tajaajila ibsaa sararoonni humnaa ibsaa ibidda haaraa akka hin kaasneef dursanii manneen 77,000 ol irraa ibsaa kutanii jiran.
Ibiddi gurguddoon lamaan, kan xiqqaa ta'e ka waliin naannoo sana balaadhaaf saaxiluu itti fufee, hojii ibidda dhaamsuu gufachiisee jira.
Hanga Roobii ganamaatti, ibiddi Paliseedis dhibba irraa harki 18 kan to’atame yoo ta’u, lafa iskuweer kiiloo meetira 96 kan gube, Ibiddi Iiton ammo lafa iskuweer kiiloo meetira 57 erga gubee booda dhibba irraa harki 35 to’atamee jira. Namoonni gara 88,000 naannoo sanaa akka ba’an ajaji kan itti kenname yoo ta’u, kanneen biroo 85,000 naannoo sanaa akka ba’u balaan kun isaan doorsisee jira. Namoonni gara 30 ta’an ammallee achi buuteen isaanii dhabamuu fi lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u eegamaa jira. Angawoonni, jiraattonni yeroo akeekkachiifaman dafanii akka baqatan dhaamsa dabarsaniiru. Kantiibaan magaalaa Los Anjeles Keren Baas, dhiheenya kana naannoolee balaan kun mudate daawwatan, badiisa hin yaadamnetu dhaqqabe jechuun ibsaniiru. Hanga ijaan arganitti manca’uun dhaqqabe tilmaamuu hin danda’amu jedhan Baas.
Forum