Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubi Iboolaa Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo Keessaa Hammaataa Adeeme


Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, dhukkubni Iboolaa Ripuublikii Dimookiraatawaa Koongoo keessatti, baay’inni isaa amma haala baay’ee rifaasisaa irra gahuu isaa beeksise.

Akka Jaarmayichi Fayyaa Addunyaa yokaan WHOn jedhutti, dhukkubichi daddabraanii fi lubbuu galaafachuun beekame Iboolaan, Ripubilikii Dimookiraatawaa Koongoo keessatti argamuun eega ifatti labsamee waggaa tokko gidduutti lakkoobsi namoota Vaayiresichaan qabaman kuma sadi’ii fi afur ka gahe yoo tahu, kanneen keessaa kuma lamaa fi jaha ni du’an.

Dhukkuba Iboolaa bara 2014 Afrikaa gama Lixaa keessatti ka’uun namoota kuma digdamii saddeet qabee, kanneen keessaa kuma kudha tokko fixee booda, ka Ripuubilikii Dimookiraatawa Koongoo kun, rakkoo hamaa isa duraa tahuu isaa ti.

Torbanitti yoo xiqqaate namoota 80 tu Vaayiresii dhukkuboichaan qabama jedha WHOn.

Mucayyoon lammii Koongoo ka waggaa sagalii tokko, Roobii dabre, Ugaandaa keessatti qoratamtee Vaayiresii dhukkubichaan qabamuun ishee beekame jedhama. Vaayiresichi Ugaandaa keessatti nama irratti argamuun kun ka lammataa tahuu isaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG