WAASHINGITAN, DIISII —
Yeroo ammaa kanatti, kan Itiyoophiyaa diigaa jiru, humna oftuultotaa asii fi achii walitti qabamee fi kan akka humni kun carraa argatee akka barbaade tahu taasise immoo miseensa EHADEG tahe Paartii Dimookiraasummaa Amaaraa ADEPPPAA dha, jechuun Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay HIWEHAAT himatee jira. Koreen giddu galeessaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay, kaleessa eega walga’ii hatattamaa Meqeletti geggeessee booda ibsa baase.
Koreen gidduu kun ibsa baaseen haalli biyyattii yeroo ammaa hamaa irraa gara daran hammaatti ce’ee jira jedheera. Maddi rakkoo kanaa inni ijoonis dantaa fi bu’aa uummataa dhiitanii fedhii dhuunfaa isaanii raawwachuu kanneen barbaadan humnoota of tuultootaa ti jedha ibsi sun.