Xurree ittiin seenan

Breaking News

Garee Taajjabdoota Gamtaa Afriikaa: Filannoon Itiyoopiyaa Nagaan Xumurame


Garee Taajjabdoota Gamtaa Afriikaa, Finfinnee, Waxabajjii 21, 2021
Garee Taajjabdoota Gamtaa Afriikaa, Finfinnee, Waxabajjii 21, 2021

Filannoo Itiyoopiyaa waxabajjii 14 geggeessame qaamotii taajjaban keessaa gareen taajjabdoota gamtaa Afriikaa gabaasa duraa kan taajjabbii isaa ifa godhee jira. Gareen taajjabdoota filannoo namoota 65 of qabu kun miseensota isaa godinaalee shanii fi bulchiinsa magalaalee lamatti bobbaasuu dhaan filannoo sana taajjabuu isaa hogganaa garee sanaa kan ta’an prezidaantiin Naayijeeriyaa duraanii Oluuseegun Obaasaanjoo ibsaniiru.Gareen isaanii wiirtuleen filannoo magaalaalee 22 eennaa banaman arguu isaa fi kana keessaa 13 yeroon akka hin banamin arguu isaa dubbataniiru.

Walumaa gala gareen isaanii wiirtulee filannoo 249tti argamuu dhaan adeemsa isaa taajjabuu isaaii fi adeemsi sagalee kennuu irra hedduun nagana geggeeffamuu isaa ibsaniiru.

Gareen taajjabdoota gamtaa Afriikaa boordiin filannoo Itiyoopiyaa dhaabbaticha ogumaan kan hojjetuuf kan walabaa gochuuf yaalii gochuu isaa ibsuu dhaan kanaafis ajaa’ifannaa qabu ibseera. Haa ta’u malee miseensonni isaa irra hedduun muxannoo kan hin qabaannee fi kunis hanqina meeshaalee filannoo fi akkaataa hojiif rakkoo uumuu ibsanii jiran.

Yeroon filannoon kun itti geggeessame yeroo Itiyoopiyaan COVID-19, lola Tigiraay qabee hanga falmii dhimmi laga Abbayyaatti jiru keessa ta’uu tuqanii, haala rakkisaa Itiyoopiyaan keessa jirtu illee gareen taajjabdoota kanaa kan hubatu ta’uu isaaf biyyattiin rakkoo akkasii keessa teessee filannoon geggeessite rakkoolee hanga tokko irraan kan hafe amanamaa kan ture ta’uu Obaasaanoon gabaasa isaanii keessatti ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG