Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhaan Naannoo Dhalootaa Irratti Hundaa’uun Gaggeeffamu nu Yaaddeessa: Mootummoota biyya ja’aa


Faayilii - Miseensota humna waraanaa Itiyoophiyaa hiriira hogantoota naannootiin deeggarsa raayyaa ittisaa biyyatiitii wammame irratti hirmaatan keessaa, Finfinnee, Sadaasa 7, 2021
Faayilii - Miseensota humna waraanaa Itiyoophiyaa hiriira hogantoota naannootiin deeggarsa raayyaa ittisaa biyyatiitii wammame irratti hirmaatan keessaa, Finfinnee, Sadaasa 7, 2021

Mootummaan Itiyoophiyaa lammiwwan isaa lakkofsaan danuu gosa hundee godhachuun hidhee, himata ituu irratti hin dhiyeessiin tursuu ibsuun gabaasaaleen ba’an kan isaan yaaddesse ta’u mootummonni biyya Awstaraaliyaa, kaanaadaa, Deenmaark, Neezerlanda, yunaaytid Kingdam fi Yunaaiteed isates ibsa waliin baasanii hubachisanii jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaa Sadaasa 2 labsee, namoota dhunfaa gosa hanga tokko irraa ta’an walitti qabuun hidhuuf sababaa hin ta’u jedhan.

Gabaasaaleen komiishiina mirga dhala namaa Itiyoophiyaa fi Amnestii Intarnaashinaal irraa ba’an akka jedhanti, namoota dhalattoota Tigraay ta’an, qeesoota waldaa Ortodoksii, maanguddoota, haadholii ijoollee isaanii waliin hidhuun bal’inaan gaggeeffamaa jira jedha.

Namoonnii hidhaman himatamanii seera duratti akka hin dhiyaaatiin jiran, haalli itti hidhamanii jiranis hamaa ta’u ibsan. Gochi kun irra jireessii isaa seera addunyaa kan cabsuu waan ta’eef battalumatti akka dhaabatee, to’attonni addunyaa seenanii namoota hidhaman akka ilaalan gaafannaa jedhan mootummonni kun.

Kana malees dhiittaa mirga namoomaa walitti bu’iinsa waliin waqabatee dhaqqabee akkaan nu yaaddeessa jedhanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG