Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Prezidaantiin Naannoo Tigraay Kennan


Prezidaantii Mootummaa Naanno Tigraay Debretsiyoon Gebre Mikaa’el
Prezidaantii Mootummaa Naanno Tigraay Debretsiyoon Gebre Mikaa’el

Prezidaantiin mootummaa naanno Tigraay Debretsiyoon Gebre Mikaa’el erga dhaabni isaanii magaalaa Maqalee ti deebii’e as yeroo jalqabaatiif Afaan Amaaratiin ibsa kennaniiru.

Gabaasini Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa dabarse akka jedhutii prezidaantiin mootummaa naanno Tigraay, waraanii mootumaan Itiyoophiyaa, milishoonii mootummaa naanno Amaaraa fi waraanii mootummaa Eertiraa lola tigraay irratii bananiin rasaasaan, beelaaan fi hookkora saalaatiin ji’a 8f ummataa Tigiraay duguuguu irratii hirmataniiru jechuudhaan himataniiru.

Midhaan ummata Tigraay irratii gaheeraa jedhaan, kan sabicha cabsuu ittuu hin ta’in inumaayuu jajjabeessee akka moo’ichaan isa gahe kan dubatan Dabretsioon injifannoo hafanis gonfachuudhaaf qabsoo akka itti fufan ibsaniiru.

Heera biyyatii cabsuudhaan laftii Tigraay umnaan wareerameeraa kan jedhaan prezedaantiin naanno Tigraay ,warren lafa Tigiraay irrati wareera rawwatan akka gad lakkisaanii bahan gaaftanii, ta’uu dhabaannaan garuu umnaan akka baasan dhaadataniiru.

Ummanii Tigiraay saba kamiinuu akka diinatti fudhaatee akka hin beekne kan dubatan prezidaantichhi, sabnii Tigraayi kaleesa diinaa saba Amaaraa hin turree, har’as mitii, buris hin ta’u jedhaniiru.

Haal walqabateen Mootummaan naanno Tigraay ibsa baaseen naannoolee Itiyoophiyaa biroo keessatii lammileen Tigraay akka hidhamaa,qabeenyyi isaanii akka saamamaa jirufu akka ajjeefamaa jiraan caqaseeraa.

Miseensaa raayyaa ittisa biyyaa kan turan dhalatoon Tigraay kuma 10n lakkawaman mana hidhaa jirachu isaanii fi warren kaan immoo achi buuteen isaanii dhabamuu isaanii kan hime ibsii mootumma naannoo Tigiraay kun ummata Tigraay irratii warren yakka raawwatan sadarkaa adduunyaatii ittii gaafatamuu qabu jechuu isaa gabasinii Gabaasaan Radiyoo Salee Amerikaa Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa qindeesse ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG