Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Waaltaan To’annoo fi Ittisaa Dhukkuboota Ameerikaa Baasetti Hayyoonni Saayinsii Afriikaa Gaddine Jedhu


Talaallii bustarii Afrikaa Kibbaa, Johaansbergi, Sadaasa 30, 202
Talaallii bustarii Afrikaa Kibbaa, Johaansbergi, Sadaasa 30, 202

Hayyoonni saayinisii Afriikaa fi kanneen fayyummaa namaaf falman, ibsa waaltaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa Yunaayiti Isteetes talaallii COVID-19 KAN Johanson & Johanson jedhu ilaalchisee kennetti gadduu isaanii beeksisan.

CDCn torban darbe, talaallii J&J dura Moderna fi Pfizer akka fudhataman yaada dhiyeessee ture, sababiin isaas talaalliin J&J, darbee darbee dhiiga ittichuu dhaqqabsiisuu waan danda’uuf jedhee jira.

Tlaalliin J&J Afriikaa keessatti bal’inaan kan itti fayyadamame dha, sababiin isaas yeroo tokko qofaa waan fudhatamuuf meeshaa qabbaneessu keessa kaa’uun hin barbaachisu. Ministriin eegumsa fayyaa Afriikaa kibbaa talaalliin J&J amansiisaa ta’uu uummataaf mirkaneessee jira.

Waaltaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa Yunaayitid Isteetis immoo akka qorannaa geggeessametti talaallii J&J irra ka birootu filatama jedhee jira.

Ibsi CDC fooyyeffame kun yaadawwan wal fakkaatu biyyoonni ka biroon Kanadaa fi Briteeniin dabalatee dhiyeessanitti aansuu dhaan jechuun waaltaan to’annoo fi dhukkuboota Ameerikaa ibsee jira. Tallaalii fudhachuu dhabuu irra garuu tallaalii isa kamiinuu fudhachuutu irra filatama jedhee jira.

Angawoonni eegumsa fayyaa Afriikaa keessaa akka jedhanitti garuu ibsi CDC dhaan dhiyaat tattaaffii isaan talaalliif qaban irra miidhaa guddaa dhaqqabsiise. CDCn talaallii J&J ba’iiwwan lubbuu galaafatan waliin wal qabsiisuun isaa ardittii bakka talaalliiwwan ka biroon argamuu hin dandeenye keessatti talaalliin fudhachuu isa jedhu akkaan fudhatama dhabsiise jedhan.

Uummata Afriikaa keessaa dhibba irraa harki ja’aa gad talaallii yoo fudhatan, jarmayaan fayyaa addunyaa akka ibsetti Afriikaan adduinyaa irraa biyya hagas vaayiresiin koronaan miidhaa hin dhaqqabsiisne keessaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG