Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsi Murtii Naannoo Tigraay Yunaayitid Isteetis Biraa Dhiyaate


Namoota Tigraay keessatti weheeraa buqahan (suuraa faayilii)
Namoota Tigraay keessatti weheeraa buqahan (suuraa faayilii)

Mootummaan Itiyoopiyaa, addi bilisummaa uummata Tigraayii fi kanneen walitti bu’iinsa naannoo Tigraay keessatti hirmaatan martinuu dubbiif wal barbaaduu dhaabanii, mirga namaa eegsisuu akkasumas gargaarsa namoomaaf danqaa malee daandiin akka saaqamuu fi himannaa fixiinsa qabatamaa dhiyaateef qorannaan walabaa akka geggeessamu walii galteen akka jiraatu kan gaafatu kongresiin Ameerikaa yaaa murtii dhiyeessee jira.

Yaadi murtii kun mootummaa Itiyoopiyaa fi TPLF gidduu kan jiru muddamsuun siyaasaa gara walitti bu’iinsaatti ce’uu isaa fi hookkara siivilota irratti oofamuus cimsee balaaleffata.

Yaadi murtii dhiyaate sun, loltoonni Eertraa Itiyoopiyaa keessaa akka ba’an kan gaafatu yoo ta’u, walitti bu’iinsi Tigraay keessaa hatattamaan akka dhaabatu, qaamotiin walitti bu’iinsa sana keessa jiran martinuu mirga namaa eegsisuuf akka hojjetan yaadachiisa.

Yaadi murtii sun dhaaboliin Ameerikaa ka sirnaa, walitti bu’iinsi sun akka dhaabatuuf akka jajjabeessan akkasumas gargaarsa namoomaaf deggersa akka godhan gaafata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG