Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-murtii Yakka Qoratu Kan idil-addunyaa (ICC) Ajajoota Waraanaa Raashiyaa Ol’aanoo Lama irratti Ajaja Hidhaa Baase


FAAYILII - Waajjira Manni-murtii Yakka Qoratu Kan idil-addunyaa, ICC
FAAYILII - Waajjira Manni-murtii Yakka Qoratu Kan idil-addunyaa, ICC

Manni-murtii Yakka Qoratu Kan idil-addunyaa (ICC), Ajajoota Waraanaa Raashiyaa Ol’aanoo yakka waraanaa Yukireen keessatti raawwchuun shakkaman Sergee Koobiilaash fi Viktor Sokolov irratti ajaja hidhaa murteessuu isaa ibsa Kibxata kaleessaa Bitooteessa 5 kenneen beeksiseera.

Teessoon isaa Heeg keessa kan ta’e ICC, lamaan isaanii “haleellaa misaa’elaa humnoooota ajaja isaanii jala jiraniin yoo xiqqaate Onkoloolessa 10, 2022 irraa eegalee hanga yoo xiqqaate Bitooteessa 9, 2023tti bu’uuraalee elektirikii Yukireen irratti raawwataniif” itti gaafatamummaa qabu jedhanii amanuuf sababoonni madaalawaa jiru jedheera. "

Kun ajaja qondaaltota Raashiyaa waraana Yukireen waliin walqabatee to’annoo jala oolchuuf kenname isa lammaffaadha.

Ministeerri ittisa Raashiyaa gaaffii dhiyaateef battalumatti deebii hin kennine.

Kan ganni osaa 58 ta’e Kobylash yeroo yakki raawwatame jedhame ajajaa aviyeeshinii fageenya dheeraa humna qilleensaa Raashiyaa ture. Basaasii waraanaa Yukireen akka jedhetti haleellaan Raashiyaan naannoo namoonni baay’inaan jiraatan magaalaa Maariyupool irratti raawwatte ajaja isaa jalatti.

Sokolov, umriin isaa 61, humna galaanaa Raashiyaa keessatti ajajaa ykn admiral yoo ta'u, yeroo gochii himannaa kanaa gaggeeffameetti, doonii Galaana Gurraacha irra jiru ajajaa ture jedha ICCn.

Ji’a Bitooteessa bara darbe keessa ICCn Pirezidaantii Vilaadmiir Puutiin fi Komishinarri Daa’immanii Maariyaa Lvoovaa-Belova himannaa yakka waraanaa kan daa’imman Yukireen butamuu waliin walqabatee akka hidhaman ajaja baase.

Moskoo yakka waraanaa Yukireen keessatti raawwatame kan haaltu yoo ta’u, ajaja hidhaa yakka waraanaa ICC kanaan dura kenname akka qaama duula loogii warra dhihaa Raashiyaa maqaa balleessuuf taasisaa turanitti kuffifteetti.

Qondaaltonni Raashiyaa akka jedhanitti, Moskoo miseensa mana murtii yakka qoratuu kan addunyaa waan hin taaneef akkasumas humnoonni gurguddoon biroo kan akka Ameerikaa fi Chaayinaa waan hin taaneef ajajni akkanaa dhiibbaa addunyaa dhugaa xiqqaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG