Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan IGAD, Dr. Warqineh Gabayyoo Somaaliyaa Daawwatan


Hoogganaan IGAD, Dr. Warqineh Gabayyoo Somaaliyaa Daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00

Hogganaan IGAD Warqinee Gabayyoo erga Somaaliyaan ni loogu jechuun himattee ji’oota booda Wixataa har’aa Moqaadishoo seenaniiu. Doktor Warqineen simannaa kanaaf angawoota Somaaliyaa galateeffatanii, dhaabbati isaanii qormaata Somaaliyaa mudatu keessatti gahee ijaaraa ta’e akka qabaatu dubbataniiru.

IGAD, hoogganaan isaa ol aanaan daawwannaa sirnaaf Moqaadishootti argamuu dhaan mootummaa Federaalaa waliin marii sadarkaa ol aanaa akka geggeessisu beeksisee jira. Daawwannaan kun IGAD hariiroo Somaaliyaa waliin qabu cimsuu fi nagaa, tasgabbii fi badhaadhina Gaanfa Afrikaa tarkaanfachiisuuf cicha hin raafamne qabaachuu isaa irra deebi’ee mirkaneessa jechuun IGAD maxxansa ofii X, ka duraan tiwiitara ture irratti barreesseen beeksiseera.

Doktor Warqinee akka simataniif mootummaan Somaaliyaa ministra dhimma alaa Ahimed Mo’aalim Fiqii buufata xayyaara Moqadishootti ergee jira.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa akka jedhetti mariin Doktor warqinee waliin taasifamu ka tumsa guddisuu, nageenya naannoo, jijjiirama qilleensaa, fi Giddu gala Gahumsa Diinagdee qabiinsa galaanaa fi qabeenyaa bishaanii Somaaliyaa isa jalqabaa hundeessuu irratti kan fuuleffate ta’a.

Fiqiin Warqinee waliin ta’uuni haasawa taasisaniin IGAD dhimmoota naannoo furuu keessatti gahee guddaa akka taphatu abdiin qaba jedhan.

Haala nuyii fi mootummaa ollaa keenya Itiyoopiyaa kan IGAD jalqaba irratti ejjennoo gaarii qabate irratti mari'annee jirra. Akkasumas, biyyoonni lamaan miseensa waan ta’aniif jecha, furmaata fiduu ilaalchisee IGAD irratti itti gaafatamatu irra jira. IGAD biyya Somaaliyaa ijaaruu keessatti qooda ol aanaa cimaa qabu itti fufa , dhimmootii naannoo furuuf illee qooda gama isaanii ni ba’u jedheen abdadha jedhan Fiqiin.

Doktor Warqineen rakkoo somaaliyaa mudate ilaalchisuun IGAD ga’ee ijaaraa ni qabaata jechuun waadaa seenaniiru.

Naannoon keenya yeroo ammaa qormaatatu mudachaa jira kan jedhan Doktor Warqineen, qormaata hedduu keessa jiraatus, uummanni keenya, biyyoonni miseensa ta’an saddeettan, nuti obbolaa dha. Hireetu walitti nu fide, eenyu illee adda nu baasuu hin danda’u. Qormaanni dhufee darbuu danda’a. kabajamoo,rakkoo Somaaliyaa mudate keessatti IGAD hiree ijaaraa akka qabaatu isiniif mirkaneessuu nan danda’a jedhan.

Doktor Warqinee Gebeyyoo hoogganaa IGAD ta’uu dhaan xumura bara 2019 kan filataman yoo ta’u diplomaatii Lammii Keeniyaa Mahaabub Maalimiin bakka bu’an.

Yeroo sanatti gamtaa kana hooggantee kan hin beekne somaaliyaan, ministraa dhimma alaa duraanii Abdisalam Omar Hadilee akka dorgomaniif dhiyeessitus, Warqineen injifatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG