Xurree ittiin seenan

Breaking News

Michoonni Waraana Federaalaa Itiyoophiyaa Tigraay Keessatti Namoota Hidhaa fi Saamiinsa Gaggggeessaa Jiran Jedhame


FAAYILII- Magaala Maqalee, Amajjii 5, 2020.
FAAYILII- Magaala Maqalee, Amajjii 5, 2020.

Michoonni waraana federaalaa Itiyoophiyaa ta’an Tigraay keessatti qabeenya saamaa fi hidhaa jumlaa gaggeessaa akka jiran namoonni ijaan arganii fi hojjettoonni gargaarsaa himan.

Maddeen kunis gocha hammeenyaa jedhame kana irratti yaaddoo haaraa kaasan kun, erga qaamoleen wal waraanaa turan waliigaltee mallatteessanii torban sadii caalaa booda.

Dippilomaatonni fi namoonni biroo naannoo lola keessa jiru fi namoonni miliyoona Shanii ol keessa jiraatan Tigraay keessatti xumura gidiraa ni fida jedhanii abdataa turan.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Adoolessa 2 Afrikaa Kibbaatti mallattaa’e booda gargaarsi gara Tigraayti geessuun deebi’ee eegalamus, kutaan suun ammallee Itoophiyaa hafe irraa baay’inaan addaan citee jirti. Qorattoonni mirga namoomaa Tigraay keessa seenuun isaanii daangeffameera ykn gonkumaa hin jiru.Humnoonni Itoophiyaa naannoo sana amm aiyyu to'achuu itti fufanii waan jiraniif gaazexeessitoonni fi namoonni biroo Tigraay irraa odeeffannoo argachuun rakkisaa ta'eera.

Waraanni Eertiraa fi Loltoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa dhufan kanneen waldhabdee Tigraay keessatti gama waraana federaalaa Itoophiyaa dhaabchuun lolaa turan magaalaa ji’a tokko dura to’atan Shiree keessatti manneen daldalaa, qabeenya dhuunfaa, konkolaattota, fi kilinika fayyaa saamuun isaanii hojjettoonni gargaarsaa achi jiran lama dhaabbata oduu Ashoosheetid preesiif kan ibsan yoo ta’u sababa yaaddoo nageenyaatiin maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru.

Shiree keessatti dargaggoonni hedduun waraana Eertiraan butamuu hojjattoonni gargaarsaa beeksisaniiru. Hojjataan gargaarsaa Tokko akka jedheetti, eega magaala shire to’atanii booda, dargaggoonni 300 ol loltoota federaalaa Itoophiyaan jumlaa hidhamuu isaanii argeera jedhe .Shireen, namoota biyya ofii keessaa buqqa’an baay’inaan kan keessa qubatan qabattee jirti.

Naannoo magaalattii iddoowwan namoota qabaman keessa tursan adda addaatu jira,kan jedhan hojjetaan gargaarsaa kun, loltoonni federaalaa kan Itoophiyaa namoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF) waliin hidhata qaban jechuun amanan hidhaa akka turanis hubachiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG