Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummicha Ministeeraa Filachuuf IHADEG Marii Itti Fufee Jira


VOA Afaan Oromoo
VOA Afaan Oromoo

Duraa ta’aan paartii biyya bulchuuf muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaaleny xalayaa aangoo ittiin gad dhiisan dhiyeessanii torbanneen hanga tokko bood bakka bu’aan isaanii filatamuuf waan dhiyaate fakkaata.

Haa ta’u malee isa dhumaa isaanii kan ta’u wal ga’ii koree hoji raawwachiistuu IHADEG dura teessummaa dhaan hoogganaa jiru.

Wal ga’ii koree hoji raawwachiistuu kana ilaalchisee kan dubbatan itti gaafatamaan waajjira mana maree IHADEG obbo Shifarraa Shugguxee wal ga’iin mana maree xumura torban dhuftuu kan jalqabamu ta’uu ibsaniiru.

Koreen hoji raawwachiistuu dhaabichaa hojii koreewwan sadarkaa adda addaatti hundeessee gamaaggamuu dhaan gabaasa inni koree giddu galeessa IHADEGf dhiyeessu illee kan ilaalamu ta’uu tuqaniiru.

Jalqaba torban dhuftuu wal ga’ii kan jalqabu manni maree IHADEG immoo gabaasa sana erga gamaaggamee booda bakka duwwaa bulchiinsaa kan guutu ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf dura ta’aan IHADEG fi muummichi ministeeraa inni itt aanu torban dhuftu kan beekamu ta’uu tuqaniiru.

Miseensa ARENA kan ta’an kana dura miseenso bulchiinsa ol aanaa IHADEG ta’uun tajaajilaniiru. Akka isaan jedhanitti dhaabonni miseensa ta’an arfanuu dura taa’aa itti aanuu fi muummicha ministeeraa biyyattii eenyuun ta’uu qaba isa jedhu walii galuuf kan yaalan wal ga’ii toban dhuftu geggeessamu dura murtaa’a jedhan. .

Egaa kan filatamu achuma mana maree keessatti kan jedhan obbo Gebruun keessumaa haala amma jiruun dursanii walii galteetu barbaachisa. Dhaabolii kana hameetu gidduu isaanii jira. Adda addummaan gidduu isaanii waan jiruuf utuu hin murtaa’in dursanii walii galuu qabu jedhan.

Waliin dubbatanii eenyuun akka filatan walii galanii seenu malee akka duraanii dhuunfaa isaaniin waan filatan hin qaban.

Sababiin isaas eenyutu geggeessaa ta’a inni jedhu yeroo ammaa falmisiisaa dha.

Duraan hoogganaan filatamu beekamaa dha. Amma walii galteen waan hin jirreef dura irratti walii galanii mana maree keessatti sagaleen kennama jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:56 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG