Hoogganni sadarkaa ol aanaa Itiyoopiyaa fi Jabuutii naannoo Somaalee, godina Sitii keessatti kan argamu projektii dhiyeessii bishaan qulqulluu daangaa qaxxaamutu kan Itiyo-Jabuutii daawatanii jiran.
Muummicha ministeeraa Jabuutii Abdiqaadir Kamiiliin kan hoogganame jilli Jabuutii itti aanaa bulchaa naannoo Somaalee obbo Ibraahim Usman waliin ta’uu dhaan naannoo Somaalii godina Sitii bakka Kuulan jedhamutti kan argamu madda bishaan lafa jalaa fi raabsii bishaanii daaawwatanii jiran.
Waggaa saddeetti har’aa kan jalqabame projektiin bishaanii daangaa qaxxaamuru, jalqaba ennaa yaadame bishaan metir kuubii kuma 100 ni argama jedhamee akeekame keessaa dhibba irraa harki 20 qofaan kan argame ta’uu kan dubbtan itti aanaan bulchiinsa somaalee obbo Ibraahim Osman, rakkoo kanas waliin ta’uun gamaaggamuu isaanii VOAf ibsaniiru.
Lafoo, qilleensaa fi buufata dooniin hariiroo uummataa fi hariiroo cimaa kan qaban Jabuutii fi Itiyoopiyaa dinagdee dhaan kaayyoo wal qabsiisuu hojiiwwan qaban keessaa tokko projektii bishaanii kana jedhan obbo Ibraahim.
Raawwatiinsa isaa ilaalchisee bakkaawwan duwwaa argamanis gamaaggamuu isaanii dubbataniiru. Gama naannoo Somaaleetinis godinaa qabee hoogganni hanga aanaatti jiru waltajjii sana irratti waan hirmaataniif hanqina argame guutuuf akkasumas projektichi bishaanii kun akka barbaadametti akka milkaa’u gochuuf martinuu waan irraa eegamu ni gumaacha jedhanii kan amanan ta’uu obbo Ibraahim ibsaniiru
Waltajjii sana irrattis misooma bishaanii sanatti dabaluu dhaan abboonni qabeenyaa Jabuutii bishaanni lafa jalaa bakka inni itti argamuu fi Jabuutii waliin wal daangessu godinaa Sitiif maallaqa baasuu haala dandeessiu irratti illee mari’achuu isaanii obbo Ibrahim ibsanii jiran.
Lammiiwwan Jabuutii irra hedduunis gam tokkoonis haa ta’u karaa biraa godinaa Sitii fi Dirree Dhawaa waliin walitti dhufeenya qabu jechuun Addis Chekol gabaaseera.