Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollumaatti Beelaan Hubamuu fi Talaalii Dhabuun Midhaa Fayyuu Hin Dandeenye Geesiisa


Waggaa waggaan Onkololeessa 16 kan kabajamu guyyaa Nyaataa kan adunyaa dursee gabaasaan haaraa dhaabbata qorannoo imaammata nyaataaa kan addunyaan ba’e akka agarsisuutti,mucaan gadameessa haadhaa keessatti uumamee hanga dhalatee waggaa lama guutuutti nyaata wal qixxaataa dhabuun, midhaa daran guddaa kan waggootii dheeraaf turu irraan ga’a jedha.

Beelli bara ijoolummaatti mudatu guddina qaamaa fi yaada sammuu miidhee, ijoolleen barnoota isaaniin milkaa’ina akka hin arganne gochuun booddetti waan hambisuuf jecha, warra kaan caalaa barumsa isaanii xumuruuf yeroo dheeraa turu jedha gabaasaan ba’e.

Rakkoo kana dhabamsisuuf, Namoonni siyaasaa warri aangoo of harkaa qaban fi qaamoleen waan kana hojii irra oolchuu danda’an qooda fudhachu qabu jedha gabaasaan haaraa ba’e kun.

Gama kaaniin immo, Jarmayaan Fannoo fi Baatii diimaa kan sadarkaa addunyaa akkasumas gareen wal taatoota GAVI ykn (GAVI Alaayaans) akka jedhanti Talaaliin yeroo ijoollummaa kennamu lubbuu miliyoona hedduu du’a irraa oolchuu danda’a.



Garuu jedhu, mallaqa dhaba irraa kan ka’e amma iyyuu dhukkuboota silaa Talaaliin ittifamuu danda’aniin daa’imman dhumaa jiru. Gamtaan GAVI Alaayaans jedhamu, biyyoota addunyaa irratti hiyeeyyii ta’an keessatti tallaaliin akka raabsamuuf kan hojjataa jiru yoo ta’u, maallaqaanis deggeersa kenna.

Du’a silaa ijoollummaatti dhaqqabu danda’u miliyoona 5.4 hambisuu danda’eera. Waggootii dhufan 5 keessatti immo, Raabsaan Tallaalii akka guddatu gochuun ijoollee miliyoona 4.2 ta’an du’a irraa hambisuuf karoorfatee jira.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG