Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee dubraa 200 oli Bokoo Haraam bara 2014 keessa mana barumsa Naayjeeriyaatii guurrate keessaa tokko baddaa keessaa argan


Faayila:Eegii ijoollee dubraa Naayjeeriyaa 200 caalan mana barumsaatii guurratanii asitti barbaadii "Ilmaan teenna ta dubraa barbaadaa" jedhu ittuma jira.Abuja, Naayjeriya, Onkololeessa, 14, 2014.
Faayila:Eegii ijoollee dubraa Naayjeeriyaa 200 caalan mana barumsaatii guurratanii asitti barbaadii "Ilmaan teenna ta dubraa barbaadaa" jedhu ittuma jira.Abuja, Naayjeriya, Onkololeessa, 14, 2014.

Waraanii Bokoo Haraam ijoollee tana hosteelii Chibook mootummaan jaaree sadarkaa lammeessoo keessatti itti oli duudee makiinaatti fa’atee baddaa gammoojjiittin galate.

Eegii suniiyyuu asi cophxee isaaniituu hin arginee barbaadii ittuma jira. Warrii jara guurratelleen xuphillee hin jenne.

Akka oduu himaan waraana Naayjeeriyaa Sani Usmaan barreessetti intala amma argan tana Naayjeeriya gama Kaaba Bahaa ollaa Baale magaalaa Dambooa keessatti argan.

Itti gaafatamaan Salfaa ollaa Chibok irraa Boko Haraam eeguu,Aboku Gaajii akkana jedhee VOAtti hime.“Adoo nu dhokannee eegannuu nutti dhufan.”

Akka namii kun jedhutti maqaan isii Amiinaa Aliiti.Waraanii Naayjeriyaa ammoo Falmata Mbalalaalaa jedha.

Akka Gaajiin jedhetti intaltii tun yoo argan daahima harkaa qabdi. Dhiirsa baddaa keessatti isii fuudhe, waraana Boko Haraam waliin jirti.Haadhatti argee hubatee beeke eegee waraanaatti kennan.

Waraanii Bokoo Haraam bara 2014 keessa hosteelii mootummmaa mana barumsa sadarkaa lammeessoo Chibookiitii qopheesse keessaa ijoollee dubraa 219 makiinaatti guurratee baddaa gammoojjiittiin galate.

Akka intaltii argan tun jettutti ijoolleen taanillee lafuma duruu jechaa bahan baddaa Sambisaa keessa jiranii,jhatti achitti lubbuu dhabe.

Baddaan sun teessoo waraanaa Bokoo Haraam jabduu namii itti hin baane

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG