Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Oromoo Gabrummaan Gurguraman-Kutaa 1ffaa


Waa’ee Oromoota gabrummaan gurguramanii qorataa kan jiran Saandraa Roowoolt Sheel Yunivarsitii Keep Tawoon irraa VOAf akka ibsantti bara 1888 jechuun waggaa 123 dura ijoolleen Oromoo biyya maatii isaanii waliin jiraataa turan keessaa qabamanii gabrummaatti gurguraman.

Sandra Rowoldt Shell
Sandra Rowoldt Shell

Galaana Dimaa eega geessamanii booda Bidiruu sadiin fe’amanii gara gabaa Araboonni garba itti gurguranii geessamaa otuu jiranii kan naannoo sana ture humni Galaanaa kan Biriteen giddu seenee namoota 204 walaba baase. Kanneen keessaa 183 ijoollee turan. Duea gara Edenitti isaan geessan.

Ijoolleen Oromoo kun kanneen imala hamtuu keessa darbanii, beelaa fi caamaan midhaman waan ta’aniif 11 ka ta’an Eden keessatti du’an. Walakkaa kan ta’an musleemoota waan turaniif namoonni Eden jiraatan fudhatanii guddisan.

Kanneen biroon Waaqeffatoota amantii aadaa waan turaniif misiyononnii fudhatanii guddiisuuf waggaa tokko caalaa yaalaniii, haalli qilleensaa hamaa waan itti ta’eef gara Afrikaa Kibbaatti dabarsanii ergan. Sana booda maaltu ta’e? Kutaa tokkooffaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Sandra Rowoldt Shell kanneen i-meeliin qunnamuu feetan sshell@iafrica.com akkasumas Fees Book gargaaramu dandeessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG