Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Oromoo Gabrummaan Gurguraman-Kutaa 5ffaa


Bilisummaa uummataa argamsisuuf barnooti bu’uura !

Dheebuun barnootaaf qabnu kan akkoo koo Bishoo Jaarsaa irraa Dimbiititti darbe, ana keessas jira kan jedhan Dr.Neville Alaksaandar,maatiin koo hiyyeyyii ta’an iyyuu barnoota gaarii akkan argadhuuf carraaqqii godhantu kanaan na ga’e jedhu

Dr Neville Alexander
Dr Neville Alexander

Qooda Juan martin de porus magaalaa Limaa kan peeruu keessatti qabaate, kan hiyyeesoota gargaaru, yaada sammuu koo keessatti chaappefamee hafee waan ta’eef yeroo hundumaa hiyyeesoota warra dagatamoo sagaleen isaaii hin dhaga’amne waliin hojjachuun fedha,dhalli namaa kabajaan jiraachuu caalaa waan nama gammachisu hin jiru jedhu Dr Alaksaandar.

Dr Neville Alaksaandarr kitaaboota heddu maxxansisaniiru.Hojii gaarii gaggeessan kanaafiis badhaasa sadarkaa addunyaa dabalatee kan sadarkaa adda addaa argataniiru.

Konfransii Afaanneen sadarkaa Afrikaatti hirmaachuuf jecha Finfinnee dhaqeen ture kan jedhan Dr Alaksaandar, ammas waanin qindeessaa jiru tokko waan jiruuf dhuma waggaa dhufuutti deebi’een dhaqa jedhan.

Bilisummaa uummataa argamsisuuf carraaqqii jiru keessatti qoodi barnooti qabu bu’uura, kanaaf jecha caasaa barnotaa sirrii ta’e ituu hin qabaatin eessa iyyuu ga’uun hin danda’amu jedhu. Barnoota argachuun akka ilaalcha kootti isa jalqabaa fi isa dhumaa ykn Alfaa fi Omeegaa dha jedhan.

Gaaffii fi Deebii Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG