Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Afrikaa kilaboota kubbaa miilaa addunyaa keessa jiran gabayaa kubbaa miilaa oowwisumatti jiran


Kelechi Iheanacho
Kelechi Iheanacho

Kelechi Iheanacho, nama Naayjeeriyaati. Leicester City fi kilabii Naayjeeriyaatii taphata.Nama ganna 23.Kontoraata ganna 5 qaba Paawondii miliyoona 15 caaltuun kontoraata ganna 5f bitatan.Bara 2020 keessa mindaan isaa Paawondii miliyoona 3 oli.

Tariq Lamptey gurbaa ganna 19 hiddii dhalootaa Gaanaatti ejju. Amma english Premier League kilabii Brighton fi Hove keessa dura taphata.Garee kubbaa miilaa Ingiliizilleen ijoollee ganna 21 keessallee hin taphataaf.

Akka innii itti taphatu akkii innii kubbaa nama irraa buusuu fi kubbaa namatti kennuu kilabii isaatuu guddoo gammachiise.

Neal Maupay kilabuma Brighton tana keessa jira. Tapha kalee kilabiin isaa Newcastle 3-0 mote irratti Neal gooli lama galfate.Ufi caalaa ammoo gurbaa Gaanaa kana faarsa.

Lamptey Ammajii bkontoraata ganna sadiitiin Brightonitti dabalan. Duraa fi duuba jidduu garuma fedheeyyuu akka fedhetti taphachuu dandaha.

Gurbaan kun maatiin isaa Gaanaa hadhufani malee Hillingdon,UK keessatti dhalate. Mana barumsa kubbaa miilaa Chelsii keessaa oli guddatee.

Hojjaan gabaabaa murqicha gannaan ijoollee tahullee akka warrii isa beeku jedhutti jabeennii dhaghuma. Brighton namii kun waan hin dandeennee hin qabu jettee mataan dhaabdi.

Tapha kalee New Castle waliin taphatan sun irrattuu marroo 4 kubbaa hadhee nama irraa buufate.

Akka manaajerii Brighton, Graham Potter jedhuunitti Lampyten qabaa dhowwata,hadhuma hadhee kubbaa nama irraa buufata akka malee ariifatallee.

Gurbaan kun biyya isaa Gaanaallee tapahchuu fa dandaha taatullee ammaaf kilabuma isaatti isa mi’eeffachuutti jira.

Eduwardo Mendy dhalootaan Senegaal. Nama ganna 28.Faransaay Ligea 1 kialbii Rennesii goolii eega.

Bara 2019 Rennesitti dabalamee marroo 34 tapahteef.Garee biyya isaa Senegalillee hin taphata

Manaajerii Chelsii Frank Lampard nama Senegaal bitachufu qaata jalatti ture.

Liiver Pool dorgommii Pirimiyeerlii liigii ingiliizi Adoolessa irratti Chlesii 5-3 mootee waanca irraa fudhatte.Chelsiin eegii sun humna jabeeffachufu nama bibbitachuuf gabaya irra maruutit jirti.

Namii Senegaal ka amma jarii fudhahcuuf jiru kun tapha kilbii Rennes keessatti harka 76 goolii ufi irraa dhowwate.

Akka maanajerii kilabii Rennes Julien Stephen jedhti Mendy bona kana keessa kontoraata ganna 5tiif Chelsiitti dabalama.

Nama kana paawndii milyoona 22tin bitan jechuutti jiran.Chelsiin ganna kana keessaa paawondii miliyoona 200 caala baaftee nama haaraa torba bitatte akka oduu arganneetti.

Ijoollee Afrikaa dorgommii kubbaa miilaatii jedhanii bitatan dirree kubbaa miilaa addunyaa hedduu waliin geette.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG