Namoonni biyyootii gaanfa Afriikaa keessaa walitti bu’iinsa, hiyyummaa fi jeequmsa polotiikaa biyya ofii jalaa dheessuu dhaan galaana kutanii, lafoo fi mala adda addaan yeroo yerootti gara biyyootii giddu galeessa bahaatti yaa’u.
Imala sodaachisaa godhan irraan kan ka’e kaan isaanii galaanaan nyaatamanii kaan immoo gammoojjii keessatti beelaa fi dheebuun du’u. Namoonni kun keessumaa shamarranii fi dubartoonni seeraan gara biyyootii kanaa dhaqanii akka hojjetan dhaaboliin hojjettoota biyyootii alaa kan dhuunfaa Itiyoopiyaa keessatti banamaa jiran. Hanga ammaatti dhaaboliin 150 ol ta’an yoo hundeeffaman hanga waggaa darbeetti namoota kuma 46tti hedaman biyyootii alaatti erganiiru.
Dhabolii kana keessaa tokkoo kan ta’e dhaaba hojjettootaa biyyootii alaa AL-Beshir jedhamu kan bu’uursan Obbo Beshir Idirs dhaabi isaanii maal akka hojjetu kan nuuf ibsan MP3 tuquun dhaggeeffadha.