Daandiin balalii xayyaraa kan Itiyoophiyaa kan ammaan dura hin baratamne fi namoonni umrii hanga tokko keessa jiran akka xayyaaraan hin imalle ugguru ka’ee jechuun jiraattonni Maqalee Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiru.
Kanneen Umriin isaanii 16 fi 65 gidduu ta’e Jimaata darbe irraa eegalee xayyaaraan akka hin imalle ugguramee jira.
Hojjetaan Buufata Xiyyaaraa Maqalee tokko,kan maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafate akka dubbateetti, maanguddootaa fi namoota yaala fayyaaf imalan qofaaf dursa kennaa akka jiran gabaasaa Sagalee Ameerikaatti himan.
Kana ilaalchisee Daandii balalii xayyaaraa Itiyoophiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Mulugetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum