Yunaaytid Isteetes nama vaayrasii haaraa Omiikroon jedhamuun qabamee tokko kaaliforniyaa keessatti argamuu beeksiiftee guyyaa tokko booda, imaltoota addunyaa kanneen gara Ameerikaatti dhufan irratti qorannaa vaayrasii Koronaa cimaan akka gaggeeffamu Prezidaant Joo Baaydiin beeksiisan.
Namoonnii guutummaatti talaalaman kanneen torban dhufuu qabee Amerikaa seenuuf jiran lammii biyya kami iyyu yoo ta’an ragaa qorannoo vaayrasii irraa walaba ta’u isaanii agarsiisuu kan imaluuf guyyaan tokko lafa hafeetti ittiin ilaalaman agarsisuu qabu.Duraan seerri turee qorannaan guyyaa sadii dura gaggeeffamee ni ta’a jechuun isaa ni yaadatama.
Kana malee namoonni geejiiba uummataan gargaaraman aguuggii funyaanii fi afaanii gargaaramuu akka qaban hubachiisan.Gama kaaniin, biyyoota biroof baatilee dhufan keessa talaalii KOOVIID-19 ittisuu Miliyoona 200 Amerikaan akka kennitu Baaydiin labsanii jiru.