Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbati Maallaqa Addunyaa (IMF) Rippaablikii Koongoof Liqaa Doolaara Miliyoona 455 Raggaasise


FAAYILII - Waajira Dhaabbati Maallaqa Addunyaa Waashingitan Diisii, Amajjii 10, 2022.
FAAYILII - Waajira Dhaabbati Maallaqa Addunyaa Waashingitan Diisii, Amajjii 10, 2022.

Boordiin dhaabbata maallaqa addunyaa dinagdee biyyattii xiqqoo Afriikaa ripaablikii Koongoo dandammachiisuuf kan oolu liqaa waggaa sadiitti baafamu doolaara miliyoona $455 raggaasisee jira.

Biyyi galiin ishee boba’aa irratti hundaa’e, weerara dhiibbaa COVID-19 fide dura akka dhaabattu gochuuf dhaabbati addunyaa kan yeroo rakkoof liqaa kennu liqaa yeroo dheeraatti baafamu kan doolaara miliyoona $90 battala kennuuf jira.

Itti aanaa hoogganaan IMF Kenjii Okamuuraa ibsa kennaniin, dinagdeen biyyattii sababaa raabsii talaallii, baasii hawaasaa, baasii biyya keessaa baasuu dhaan walakkeessa waggaa irratti ni cima jedhamee eegama jedhan.

Haa ta’u malee dandammachiis reef jalqabe kun weerarri tarii hammaachuu fi gatiin boba’aa waan dafee jijijjiiramuuf rakkoo hamaan isa mudachuu danda’a.

Haa ta’u malee biyaattiin liqaaf saaxilamuun dhimma ijoo itti fuuleffatamu kan jedhan Okamuraan, mootummaan liqaa sana sirreessuuf hojjetaa jiraachuu tuqaniiru.

Kan uummata miliyoona 5 qabduu fi irra hedduu ripaablikii dimoktaatawaa koongoo waliin wal daangessitu ripaablikiin koongoo, galiin ishee irra hedduun boba’aa irraatti kan hundaa’e yoo ta’u, bu’uuraaleen missooma isheetii kan ijaarame liqaa Chaayinaa irraa argameeni.

IMF akka tilmaametti dinagdeen biyyattii bara 2021 xiqqoo erga gad bu’ee booda waggaa kana dhibba irraa harka 2.4n guddachuuf jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG