FINFINNEE —
Dhaabbannii Aartii Oromoo,"Oromo Art Institute" leenjii saayinsiin deegaree kennuu kaayyoo godhate Magaala Adaama keessatti eebbifamee baname jira.
Kunis baasi qarshii miliyoona jahaa oliin kan qindeessee kan bane dargaggoo Gammadoo Jamaal ta’uun beekamee jira.
Dargaggoo Gammadoo Jamaal Filmii afaan Oromoon qopheesse dhiyeessuun kan beekamu yoo ta’u biyya Noorweey keessatti barataa ture.
Banamuun dhaabata kanaa danqaa aartii oromoo mudate heddu fura jedhamee abdatama.
Sirna eebba isaa irratti kan argaman Hogganaan Biroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa Dr Garramoo Hulluqaa akka jedhanti akka mootumaatti tumsaa hundaa Taasifnee waliin dhaabana jedhan.