Xurree ittiin seenan

Breaking News

Inter Milan Tapha UEFA Liigii Awurooppaa Irratti Shakhtar Donetsk 5-0 Qaariftee Waancaaf Seviilaan Walti Marte


Headquarters of European football body UEFA in Nyon on April 6, 2016.
Headquarters of European football body UEFA in Nyon on April 6, 2016.

Dorgommii UEFA Liigii Awurooppaa tana kilaboota Awurooppaa kurnya hedduutti bara 2019 jalqbee taphachaa bahe.

Amma kilabii lamatti walti jafe. Seviilaa fi Inter Milan.

Seviilaan kialbii akka Roma (3-0), Wolverhampton (1-0) fi Manchester United (2-1) fa mootee asi geette.

Inter Milan Torino (3-1) SPAL (4-0) Genoa (3-0) Napoli (2-0) fi tapha hedduu mootee asi geette.

Gama kaaniin Inter Milan ammoo Getafe (2-0), Bayer Leverkusen (2-1) fi Shakhtar Donetsk ammoo (5-0) waanaaf dabarte.

Seviilaan kilabii Ispaanish,inter Miilan ammoo kilabii Xaliyaanaati.

Tapha hardhaa irratti goolii Inter Milan ta qaraa Lautaro Martinez, Romelu Lukaku faatti galchanitti kilabii tana waancaaf dabarse. Inter Milan Jimaata dhufu Kolon,Jermenitti waancaaf Seviilaa waliin waancaaf taphatti.

Goolii Inter Milan ta qaraa Kubbaa Nicolo Barella gama dhiite Lautaro Martinez mataan keessa buuseef.

Inter Milan: Lautaro Martinez (19')
Inter Milan: Danilo D'Ambrosio (64')
Inter Milan: Lautaro Martinez (74')
Inter Milan: Romelu Lukaku (78')
Inter Milan: Romelu Lukaku (83')

Lukaakuun baranallee goolii lama galfate.Namii kun Liigii Awurooppaa keessatti bara 2014 jalqabee tapha waltitti aanu 10 keessatti adoo gargar hin kutin nama goolii galchee seenaa hojjate.

Dorgommiin Liigii Awurooppaa European League dhumachuutti jirti.Akka duri istaadiyomiiti yaa’anii daawwachuu baatanillee online laalumatti jiran.

Kilabii kubbaa miilaa jajjaboo kurnya hedduutti walti yaa’ee istaadiyoomii awurooppaatti walii yaa’ee taphata.

Seviilaan Jimaata kana Intermiilaaniin waliin taphachuuf jirtu tun marroo jaheessoo shaampiyoona UEFA eegachuutti jirti.

Shakhatar Doneskii fi Inter Milan ganna 15n duratti waliin tapahtee gaafas Inter Milaanitti qabxii qabduun 3-1 moote.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG