Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan eda bolistiki misaayila 10n oliin waraana Amerikaa Iraaqitti loltee namii tanaan du’e hin jiru jedha pirz.Tiraampi


President Donald Trump addresses the nation from the White House on the ballistic missile strike that Iran launched against Iraqi air bases housing U.S. troops, Jan. 8, 2020, in Washington.
President Donald Trump addresses the nation from the White House on the ballistic missile strike that Iran launched against Iraqi air bases housing U.S. troops, Jan. 8, 2020, in Washington.

Akka pirezidaanti Tiraampi jedhetti Amerikaan lola Iraan kana durattu waan quba qabduuf bobmii Iraan tanaan nama Iraaqiitii fi waraanii Amerikaa tokkolleen womaa hin taane.

Iraan ijjeechaa jeneraala waraana isii Amerikaan Iraaqitti ijjeefteef haaloo bahuuf tana tolchite.

Ballsitic Misaayiliin isiin loluuniitit jirtu tun tun rokkeetti bombii mataa hedduu baattee km kuma hedduu irraa namaan lolan.

“Iraan Amerikaa dhabanasaa itti cuqqaalte” jedhe itti gaafatamaan amantii Iraan, Ayatollah Ali Khamenei.

Olaantummaan Amerikaan naannoo tanaa qabdu dhaabachuu malte jedhee dabaleef.

Akka pirezidaantiin Iraan,Hassan Rouhani jedhetti garaan biyya isaa yoo biyyiti isaa waraana Amerikaa cufaa jidduu gala bahaatii baafate.

Hajajaan waraana Iraan Amerikaan Iraaqi keessatti miila isaa waliin bombiin ijjeefte, Qassem Soleimani.

Bombiin Iraan teessoo waraana Amerikaa Iraaqi jiruun aateen namii womaa hin taane jedhe pirezidaantiin Amerikaa.Pirezidaanti Tiraampi Iraan amala isii tanaa ammallee hin adabnaa jedhe.

“Bulchoota Iraan fi ummatii isii jireenna egree dansaa qabaattan feena.Biyya dhibiillee waliin akka nagaan jiraattan gammachuun jiraattan feena.US warra nagaa fedhu cufaa waliin hojjachuu feeti,”jedhe Tiraampi.

Hajajaan waraanaa Iraan Amreikaan torbaan dabre ijjeefte kun akka pirezidaanti Tiraampoi jedhetti bara 2003 jalqabee Iraaqitti waraana Amerikaa hedduu fixuun beekan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG