Xurree ittiin seenan

Breaking News

Irreen Mootummaa Itiyoophiyaa Dheeraadha.


Jireenyi baqatoota Afrikaa keessaa,”xuwwee ibidda irra jiru keessatti waadamuu irraa gara kallattiin ibiddatti darbatamanii gubachuu” fakkaata jedhu Dr.Treevor Trumaan.

Dhittaa mirga dhala namaa Itiyoophiyaa keessaa,akkasumas ka baqatoota Oromoo Puuntlaand, Somaaliilaand,Keeniyaa,Afrikaa kibbaa fi Jabuutii keessaa irratti ibsa kan kennan Obbo Gaaromaa Waaqasaa Ligii Mirga Namomaa Gaanfa Afrikaa irraa akkasumas, Dr.Treevor Truumaan Gurmuu Deggersa Oromoo ykn (OSG) irraa turan.

Gaaromaa Waaqasaa (HRLHA)
Gaaromaa Waaqasaa (HRLHA)

Namoota hidhuu, dararuu,eessa butee dhabamsisuun dhiittaa mirga dhala-namaa Itiyoophiyaa keessatti gaggefamaa jiru ta’u ibsuudhaan "sana bira taree, Mootummaan Itiyophiyaa kanneen gara biyyoota ollaatti baqatan faana dhahuun, mootummoota biyyoota isaan itti dhessan wajjin wal ta’uun, dhittaa mirga dhala namaa itti fufee jira," jedhan.

Baqatoota humnaan gara biyya irraa dheessanii ba’aniitti deebisuun itti fufee akka jiru, baqattoota haala akkasiin deebifaman keessaa kanneen hidhaaf saaxilaman akka jiranis xuqanii jiru."Waan aja’ibsisaan garuu," jedhu hoogganoonni dhaabbatoota mirga dhala-namaa lameen, "kanneen deebifaman kana keessaa jarmayaa baqatootaa UNHCR jalatti ka galma’an ni jiru.Gochaan akkasii immo seera sadarkaa adunyaatti ba’e cabsuu dha."

Dr.Treevor Truumaan (OSG)
Dr.Treevor Truumaan (OSG)

Dhiyeenya kana balaa bombii Ugaandaa, Kaampalaa keessatti dhaqqabe irraa ka'ee haallii yeroo ammaa baqatootaa gaafa Afrikaa keessaa mudataa jiru daran yaadessaa ta’uu illee ibsanii jiran, ka jedhan, Dr. Truumaan fi Obbo Gaaromaan Sababiin isaas, mootummoonni naannoo sanaa baqatoota biyya isaanii keessa jiran dirqsiisanii baasaa waan jiraniif tahuu dubbatu. Gutummaa isaa gaaffii deebii gaggeefame irraa dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG