Ministirri humna waraanaa Israa’eel Lammiileen Palaastaayiin Gaazaa keessaa akka baafamaniif karoorri akka qophaa’u ajaja dabarse, Kunis Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Doonaaldi Tiraampi naannoon waraanaan barbaada’e kun haala kamiin akka bulfamuu qabu yaada dhiyeesse hordofeeti.
Ministirri humna waranaa Israa’eel Kaatzi Kamisakaleessaa akka ibsetti jiraattonni Gaazaa keessaa fedhii isaaniitiin Gaazaa gadhiisaanii akka ba’an taasiisuuf karoorri akka qoha’uuf humna waraanaa Isaaniif ajaja dabasuu himeera. Itti dabaluunis Namoonni Gaazaa keessaa biyya isaan simachuuf fedhii qabaatu kamittuu deemuu danda’us jedhee karoora qophaa’u keessattis filannoowwan lafarran daangaa qaxxamuruu, daandii qilleensaa fi galaanarraanis qophiin addaa akka taasiifamu karooricha keessatti ni galas jedheera.
Doonaaldi Tiraampi pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Israa’eel Gaazaa Yuunaayitid Isteetisitti dabarsitee kennuun Yuunaayitid Isteetisi Gaazaa fudhachuu qabdi jedhee ture, karoora ifaa Tiraampi kanas kan simatan ta’uu Ministirri humna waraanaa Israa’eel ibseera.
Hamaasimmoo gama isaan Kamisa Kaleessaa lammiileen Paaleestaayiin karoora Tiraampi kana irra aanuuf Paaleestiyaanoonni hundi tokkoomuu qabna jechuun waamicha dhiheesseera.
Forum