Xurree ittiin seenan

Breaking News

Islaamummaan Amantii Nagaa ti. Barnoonni Hanqachuun Garuu Nama Dogoggorsa Jedhu Hayyoonni


Itiyiipyaa keessatti dhiyeenya walitti bu’iinsa amantii-tu ka’ee ture inni jedhu walitti bu’iinsa amantoota gidduu miti jechuu dhaan Presidentiin koolejii Furkan Dr. Abdela kedir dubbatanii jiran.

Dr. Abdellaan PHD isaanii barnoota amantiin kan hojjetan si’a ta’u uummanni kun uummata Islaamummaa ilaalchisee muuxannoo ga’aa qabuu fi biyyootii alaa yoo deeme illee fakkeenya ta’uu danda’u jedhan.

Hayyootaa hedduu of gidduu dhaa kan qabu uummatichi kitaabini inni irraa baratu illee kan walitti isa buusu miti jedhaniiru. Ilaalchi adda addaa jiraachuu mala kanaafis gareewwan yaada addaa qaban uumamanii beekumsa ga’aa utuu hin qabaatiin daandii dogoggoraa qabachuu malu kan jedhan Dr. Abdallaan, barnooti ga’aan kennama taanaan hubannoon jiraachuu mala jedhan.

Amantii keessatti nama dogoggora irraa deebisuun kan danda’amu beekumsa akka horatu gargaaruu dhaani, kunis hoogganoota amantii fi hayyoota irraa eegama jedhaniiru.

MP3 tuquun guutummaa isaa dhaga’aa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG